SEENAA JAARRAA ABBAA GADAA

SEENAA JAARRAA ABBAA GADAA

SEENAA JAARRAA ABBAA GADAA

walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun
odoo loluu wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture. Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa, gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim Haamid joolle. Bara 1936, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa
Bahaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture. Abdukariim Ibraahim
(Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo, Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baddaa Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya
Raammis,Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate.

JaarraaAbbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis, nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame. Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan keessatti
dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa,qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan,rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akkatahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude,talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-taane, sirna gabrummaa
taachaa fii inni jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus isaanirraa tokko tahuu hubate.

Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa. SEENAA JAARRAA ABBAA GADAA

biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiranhundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe. Mana barnootaa keessatti afaan isaa dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin- qabne otobuusaan olii gad
daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa
ka’ee-fii teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii godhate.

Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun, anaannaanni saba isaatiif qabu
caalaa sammuu fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa, barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu rakkoo
takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma biyya keessaatiinuu, caasaa warraa keessaan, hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte.

Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa.

hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf yaroo dheertuu irraa
hin fuune. Akkuma naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif hadooduun guyyuma guyyaan sammuu
dhunfachuutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan
Habashaa lammii isaa itti laalan onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa
tiif yaaduu caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib, kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa finciltoota qoratuun, “yo namni murate
tokko habashoota dilana shororkeesse, laata kan jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti seene.

Maqaa fii durooma warraa gubbaan naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala
sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu, hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate.

Waan dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate. Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’e

dardarummaan qabsoo hidhannoo tiif if qaadhimee, “Boruuyyee boruuyyee Boruu
abbaa bariisooyyee Galgala abbaa galgalooyyee Galgalli naan dubbatee Boruun naan marihatee Roorroo hamtuu
agarraan Kan Oromoo saba kootii Kiyya garaan hammatee Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka
isaa qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara (1966)manaa bahe. Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa,
qe’ee-rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan. Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee hamma arkataniin
qabsoo hidhannoo bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan. Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota
Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa, Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun gurra seente daranuu
mirqaansitee, warra duruu diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf, karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa
hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa, Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu xuuxxee, darasoota isaa
waliin if-duuba deebi’uu murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu, wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka
dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe.Lafaa fii hawaasa hin beeyne
keessa, harree fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa
qabaachu nama barbaachisa.

SEENAA JAARRAA ABBAA GADAA

Jaarraa Abbaa Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne.

hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni iyyaafachaa deemu in himne keessa qaxxaamuree,
bakka garaa gaye. Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe, bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye keessa
nama cuupha. Loltoota barbaadee itti dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee, Laga Dhaaree-tti gootummaa
qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee nama geessa.

Achirraa ammaas, miyaa fii kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii, kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii itti roobse faa irraa qooda nama
fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli mala Oromootaa humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin
dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama naqee, dhuma bara (1968) Soomaaletti nama deebisa. Soomaalee
keessatti, qabsoo ummanni keenya eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee mudatan, injifannoo helanii fii
seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu. Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran babarbaadee walitti fide.

Isaan keessaa, warra qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin, Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara 1970 Mootummaa
Soomaalee jalaa mimmiliqaa, tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan. Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee,
imaltuu Adan aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti.

Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28, bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq, Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara. Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3, bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee, Baghdaad-tti nama deebisa. https://om.wikipedia.org/wiki

1.https://www.bbc.com/afaanoromoo/


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top