Seenaa Gooticha Badhoo Dilgaasaa Badhaadhni Salaalee Aanaa Yaayyaa Gullallee, Ganda Buuyyamaa Qo’aat, Shakakkee jedhamutti (1953) dhalate. Maatiin isaa ijoollee 6 qabu.
Badhaadhaan akkuma dargaggoota toora isaatti loon tiksee, fardaan gulufee,. qolannaa shimalaa fi arooressaa barachaa guddate. Dargaggeessa beekaa gaafa ta’us, rasaasaan waan akeeke qolee hin beeku. Badhadhaan Dilgaasaa magaala, dhaabbata giddu galeessaa fi fuula daa’imaa nama qabu ture. Badhaadhaa Dilgaasaa abbaa ijoollee sadii akka tures ni himama.
Sanaafis Salaaleen akkanaan sirbeefii jira;
Badhoo koo Badhaadhaa kiyyaa
Yaa Badhoo
xinnumaaf gabaabbattee na duraa
Badhookoo shurshuraa koo
Xinnaakoo hunkuraakoo
Bara (1980) umriisaa 27tti Dargiin humnaan gara dirree waraanaatti isa ergee muuxannoo loltummaa argateera. Turtii dirree waraanaa waggaa 2’n booda Dargiin yoo kufu innis gara qe’ee warra isaatti qawwee kilaashii tokko fudhatee deebi’e.
Badhaadhni yeroo mootummaa ce’umsaa.
bakka bu’oota Adda Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa wajjin naannoo jireenya isaatti walitti bu’aa tureera.
Kanarraan kan ka’e lafa dhaloota isaatti tasgabbaa’ee jiraachuu hin dandeenye.
Aarii kanarraan kan ka’e dargaggoota akka isaa rakkatan hedduu qindeessee gammoojjii Mogor kan ollaa isaanii jirutti galan.
Yeroo dheeradhaaf humnaan qabuun waan dadhabameef, mootummaan jaarsummaadhaan rakkoo jiru akka furamu isa gaafachaa ture. Innis dhugaa se’ee akka aadaa warra isaatti jaarsummaan araaramee qa’ee isaatti gale.
Araarri bu’ee jedhamee yeroo muraasaan booda mootummaan malaan qabee mana hidhaa Fiicheetti isa darbe.
Ji’oota muraasa erga mana hidhaa keessa tureen booda halkan tokko waardiyyaa mana hidhaa sana eegu dhahee qawwee irraa fudhachuun hidhamtoota isaa wajjin turan hedduu baasee ofiifis badee bosonatti deebi’e.
Erga mana hidhaatii deebi’een booda loltoota 200 hanga 300 ta’an of jalatti horateera. Loltoonni kanneen kan garee isaa fi humna waraana Adda Bilisummaa Oromoo kan yeroo sana gammoojjii Mogor keessa socho’aniiti. Innis lafaa fi amala nama naannichaa sirriitti waan beekuuf, ajajaa waraanichaa ture.

Lafaa fi nama beekuu isaatiif Salaaleen beekamtii kenneefii yoo sirbu; Seenaa Gooticha Badhoo Dilgaasaa
Badhoo yaa Badhoo.
yaa Badhoo qoricha gadhee
Kottu yaa Badhoo,
yaa Badhoo gaafa Dheebisaa
Oolan komiin suma leellisaa
Ejereenis suma leellisaa
Incinniinis suma leellisaa
Daagam illee suma leellisaa
Buna dhugdeetuma deebitaa!
Badhaadhni yeroo dheeraaf naannawaa gammoojjii Mogorii fi Abbayyaa gamaa fi gamanaan dabalatee aanaa Warra Jaarsoo, Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee, Meettaa, Walmaraa hanga Nyamar cee’ee amma Amboo gahutti humnoota faallaa isaa ta’an waraanaa ture. Sanarraa kan ka’e Salaale akkanaan sirbee jirra;
Amboo jirta jedhanii
Goodaa karaa Gudarii
Ani si yaade yaa Badhoo,
Yaa Badhoo qorichaa gadhee
Looyii koottuu karaa mogorii!
Badhaadha waliin lola bananee nagayaan galuun ulfaataa ture. Sanarraa ka’uun Salaale cimina isaa hubannaa keessa galchuun, taayitaa qabatee. biyya bulchaan akkanaan sirbeefira;
Jabeessii loli yaa Badhoo
Jabeessii loli aalgaa korii
Yaa Badhaadha Dilgaasaa
Leenca Mogorii.
Badhadhni injiinara tooftaa lola keessaati. Faallaa Badhaadhaatiin lola banee lubbuun kan galu muraasa. Yoo lubbuun ba’eellee inni ayyaantuudha. Badhaadha qabuuf nama 100 olitu duula. Kan lubbuun galu muraasa.
Yeroo mootummaa ce’umsaa sana Badhaadha ajjeesuuf yookaan immoo qabuuf jecha.
loltoonni ciccimoodha jedhaman, hedduun yeroo baay’ee Mogoritti deddeebiin bobbaafamanii turan. Baay’een isaanii yeroo sana Oromoota muraasaa fi loltoota afaan Tigraay dubbatan ta’uu isaanii maanguddoonni ni himu. Salaalees sana himuuf akkanaan sirbee jiira.
Maal gocha(x2)
Buutee Salaalee biyya Badhadhni jiruu Kilaashiin(x2) Baroode deebiin hin jiruu…
Warri aanaa Yaayyaa Gullallee, toora Qarree Tokkee waa’ee Badhaadhaa yoo himan ammallee hin quufani. Waadaa inni galeef yoo himanis, qabsoon isaa mootummaa Oromoo hundeessuu ture jedhu. Yaada isaa kanas baay’ee akka jaalatan himu. Faallaa kanaan kan isa jibbu, ija sodaa fi shakkiidhaan isa ilaalaa tures guuteera.
Kan faallaa isaa dhaabbatan, gaafa inni du’u taayitaa argataniiru.
Kan Oromoof qabsaa’u duruu maqaan hin taane maxxanfameefit, kan ittiin badhaadhu immoo cinaadhaan isatti · fayyadamee jiruu gaarii jiraata.
Salaale Badhaadhni mootummaa Oromoo nuuf hundeessaan itti abdate, gaafa mootummaan isa waraanuuf itti duulu,akkanaan sirbeefii jira;
Atuu beekta yaa Badhoo
Yaa Badhadhaa Qarree Tokkee
Uri kilaashiin jarri dhuftee
Sirbi kun Salaale Badhaadni cimina tooftaa lolaa beekuu fi jaalalaisaaf ,qaban kan ittiin ibse ture. Dargaggeessi Salaalee gaafa sirba kana sirbu loltoonni mootummaa isa qabuuf isa barbaacharra turan isaan reebaa fi hidhaa turan. Haata’uutii Salaalee keenyaa fi kiyyaan addaan dhokatees sirbaafii akka ture ni himama.
Warri Mogor garuu akkuma garaatti sirbaafii ture. Sun bulchiinsa isaa jala waan tureef jechuudha. Badhaadharraa abdii fi waadaa qabu ture. Innis namuu akka hin amannee fi akka of eeggatee lolu shimalaa fi kilaashii.

koodee caalaa itti abdatanii fi jaalataniin akkanaan sirbaafii turan.
Hin amanin yaa Badhoo
Yaa Badhoo qoricha gadhee
Saawwan baddaa konni keessa hin jiruu
Hin amaniin yaa Badhoo Sobaniiti malee Shimala malee firri hin jiruu
Hin amanin yaa Badhoo
Salaale yaadda’ee akka of eeggatu sirbuufis Badhaadhni garuu dhumarra waan isaan dhaga’e hin fakkaatu. Gaafa dhumasaa Badhaadhni mana dubartii walbeekanii fi waliin hojjetaniitti re’ee qalanii nyaachaa turan. Badhaadha saamee, hatee hin beeknef kun isaaf haaraa hin turre. Jarri garuu isa gananiiru. Akkuma jarri warra isa qabuuf yookiin ajjeesuuf waadaa galanitti foon re’eetti qorichaa naqanii laataniif. Isaa dhukkubsatee ciisuu warra isa barbaadan itti waaman, Akkuma shira xaxame kana bareen, jalaa ba’uuf yaalii godheet ture. Garuu haalli inni keessa jiru hin eeyyamneef. Isaa dallaa utaalee ba’uutti jiruu rasaasaan miila dhahame. Kana booda harka diinaatti kufuurraa kan hafe eessayyuu gahuu akka hin dandeenye hubate.
Falli jiru amma rasaasa fixatutti loluu. Dandeenyaan gaafa siif lubbuun ba’uun filannoosaa ture. Haa ta’uutii waraanni isa qabuuf deeme hidhannoo guutuun waan tureef lolee lolee yoo rasaasa fixate of galaafachuu qofatu itti mul’ate. Lammata mana hidhaa fi darasaa arguu hin barbaanne ture. Rasaasa ishee dhumaaf dhukaasu ofitti galagalchee Sadaasa (1986) Shawaa lixaa aanaa Ada’aa Bargaa, ganda Dheebisaa, Aggaasaa naannawa Tulluu Ejersaatti of galaafate.
Du’asaa boodas Salaale sirboota hedduu sirbeefii jira. Waa’ee du’a isaatti gaabbuun ciminasaa faarsaa yoo sirbaniif;
Yaa Badhaadha Faliin garagaruu
Duute Silasmaal godhu garuu
Duuti gootaa kanuma hin jiruu!
Duuti gootaa kanuma hin jiruu Jechaa turan. Seenaa Gooticha Badhoo Dilgaasaa
Lubbuudhan isaan biraa dhabamus, qalbii isaanii keessaa baduu yoo didu; Salaale gaabbaa akkanaan sirbee jira.
Kutaa foo’i na godhaa
Naxalaa kutaa foo’i godhaa
Yeruman si yaadadhu
Halkanii guyyaa boo’i boo’i na godhaa!
Baras ibsaan elektirikaa akka wal hin geenye, keessummaan magaalaa ibsaa bare akka magaalaa xiqqoo isaatti dhufe ibsaa maashoon eeraa, ajjeefamuu isaatin gubachaa, haaloon akka,moofaa hin qabne eeruun, ajjeestonni Badhoo diina isaanii akka ta’an akkanaan sirbameera,
Yaa Badhoo kiyyaa
Maali magaaladhaa maashon boba’uu
Ajjeeftanii nurra hin deeminaa, Dhiigni huccuu mitii, hin moofa’uu!
Badhaadhaa Dilgaasaa
Dhabbitti Dhiira Albasaa
1.https://oromianeconomist.com/
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
