Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira. Weerarri dhukkuba haarayaa Naannoo Kibbaatti mul’ate kun saffisaan babal’aataa jira. Dhukkubni kun ammaaf maalummaan isaa adda bahuu baatus dhukkubu lubbuu namaa yeroo gabaabaa keessatti galafaata. Hangaa ammatti namoonni dhukkubichaan qaban tokkolleen irraa baraaramuu hin dandeenye. Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuun isaanii dabartee jirti. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) kan dhukkubsattoota waldhaanaa turaniidha. Dhukkubni kun mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba. Weerarri dhukkuba kanaa haala kanaan yoo itti fufe lubbuu namoota hedduu galafaatun biyya teenyatti cophxoorratti fanxoo ta’uuf deema. Kanaaf tatamsa’ina isaa ittisurratti yoo hin xiffanne gaaga’ama guddaa fiduu danda’a. Dhaamsa kana hatattamaan share waliif godhaa.
Waa’ee Dhukkubichaa waan muraasa!
Maalummaan dhukkubicha guutuu guututti adda bahuu baatus dhukkubni kun VHF tahuu akka hin oolle mallattoolee inni agarsiisaa jirurra ka’uun shakkamaa jira. “Viral Haemorrhagic Fever ” jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:-
- Ebola Virus
- Marburg virus
- Yellow Fever
- Lassa Fever isaan ijoodha. Dhukkuboonni kun heddumminaan naannoo tropical area tti deddeebin mul’atu. Weerara fiduudhanis beekamu.
Mallattooleen dhukkuba kanaa maali? - Qaama gubaa
- Dhukkubbii buusaa
- Ballaqamsiisaa gadi teessuma(kan dhiiga makatellee ta’uu danda’a
- Dadhabbii qaamaa
- Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra fi kabiroo)
Dhukkubni kun akkamiin daddarba? - Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu.
- Dhangala’aa namoota dhukkubichaan qabameen tiqamuu.
- Bookee busaa
- Hargansuudhanillee kan darban ni jiru.
- Nama dhukkubichaan du’e tuttuquu.
Dhukkubni kun hangi nama ajjeesuu isaa gosa Vaayirasii dhukkubicha fidee irratti kan hundaa’ullee ta’u ragaa hanga ammaa jiruun 25-90% ta’a. Kana jechuun nama dhukkuboota kanaan qabame dhibba tokko keessaa namni naannoo 25 hang 90 du’uu danda’u jechuudha. Yoo deeggarsi yaalaa hin godhaminiif.
Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda’ama?
- Nama dhukkuba kanaan qabametti baay’ee itti dhiyaachuu dhiisuu.
- Ilbiisota addaa addaa ittisuu fi farra ilbiisotaa fayyadamuu.
- Nama dhukkubichaan qabamuu shakkame adda baasuu fi kkf fa’a.
Dhukkubni kun yaala qabaa?
Dhukkuboonni kun yaala duubatti deebisu hin qaban. Wanti mana yaalatti godhamu deeggarsa ogummaa tokko tokko gochuu qofa. Deeggarsuma saniinuu garuu hanga tokko du’aatiin ni hir’ifama. Weerarri kun biyya keenyatti ka’e taanan balaa guddaa geessisa. Rabbi nutti hin fidin jenna. Cabsee Dhufnaanis waan dandeenyun dura dhaabachuuf qophiidha.

Doktarri suuraa irratti argitan kun odoo dhukkubsataa yaaluf carraaquu dhukkuba kanaan Lubbun Isa Dabartee
Dr. Hamzaa Jamaal
2.https://www.bbc.com/afaanoromoo/
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
