Jenereetarri fincaan namaan elektirikii maddisiisu kalaqamuu quba qabduu laata?

Jenereetarri fincaan namaan elektirikii maddisiisu kalaqamuu quba qabduu laata?

Jenereetarri fincaan namaan elektirikii maddisiisu kalaqamuu quba qabduu laata?

Onkololeessa 29, 2018

Maqaan isaanii Duuruu Ayinaa, Akindelee Abiyoolaa, Faaleekee Oluuwaayitooyinifi Beelee Enyoolaa jedhmu barattoota Yuunivarsiitii yoo ta’an, lammiilee Naayijeeriyaati.

Dubartoonni kunneen jenereetara kanaan duraaarraa adda ta’e kalaquun, addunyaa dinqiisiisaniiru.

Jeenereetara akkamii kalaqan jechuun keeessan hin oolu?

Inniis jenereetara fincaan namaan hojjetu; anniisaa elektirikii maddiisiisu kalaquun, barattoota dinqisiifannaa hedduu argataniidha.

Akkamiin ta’e laata? Jenereetarri fincaan namaan elektirikii

Duabartoonni kunneen fincaan namootaa walitti kuusan gargaaramuun, jenereetara ammayyaa’aa gaazii haayidroojinii maddisiisuufi anniisaa elektirikii argamsiisu hojjechuun agarsiisaaf kan dhiyeessan.

Jenereetarri kamiyyuu boba’aa malee hojjechuu hin danda’u; inumaa namoonni humna ibsaa hin qabne boba’aa gatii qaaliin bitachuuf yeroo rakkatan ni mul’ata.

Kaayyoo inni guddaan kalaqa kanaa ammoo jenereetaroota boba’aa gaazii kaarboon moonooksaayidii jedhamu gadhiisuun lubbuu namootaa galaafataa oolu hambisuuf, filannoo qulqulluun bakka buusuuf akka ta’e dubartoonni kunneen kan himan.

Kalaqa haaraa kana keessatti fincaan namaa adeemsa elektiroosaayidii jedhamu keessa yeroo darbu gaazii haayidiroojinii gadhisuun gaazichi qulqulleessituufi gogsisituu keessa darbee jenereetarichaa keessa seenuun anniisaa elektirikii kan maddisiisudha.

Jenereetarri fincaan namaan elektirikii maddisiisu kalaqamuu quba qabduu laata?

Jenereetarri kun fincaan liitirri 1’n sa’aatii 6’f anniisaa elektirikii maddisiisuu danda’as jedhame.

Yuunivarsiitii ‘Ohio’tti Piroofeesarri Keemikaalaafi Baayoomolaakulaarii Injinariingii kan ta’an Garaardinee Bottee akka himanitti, yuunivarsiitiin ‘Ohio’ baay’ina barattootaa 22,000 qabuun fincaan isaanii walitti qabamee gaazii haayidiroojiinii kan oomishu yoo ta’e, tarii mana jireenyaa namootaa gara 100 hanga 150 walitti fufiinsaan humna ibsaa gahaa akka argatan taasisuu danda’a. argannoo kana diinqisifataniiru.

‘NBC News’ fi maddoota adda addaarraa odeeffanne.

1.https://www.youtube.com/channel/


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top