Bishaan Maraatummaa fi Dhaloota TikTok
Waggaa kudha tokko dura ani mana hidhaa Qaalitii keessa osoon jiruu kitaaba “Timhirta Billictaa” jedhamu kan Doktar Kabbadaa Mikaa’el dubbiseen ture. Doktar Kabbadaa Mikaa’el bara mootii Hayila Sillaasee ministira barnootaa turan, akkasumas barreessaa beekamaa turan.
Kitaabuma isaanii kana keessatti oduu/seenaa durii nama barsiisu tokko dhiyeessaniiru. Seenaa kana namoonni tokko tokko kan Giriikii jedhanii, kanneen biroo kan Faarisii ykn kan Suufiiti jedhan. Seenaan kun ergaa gadi fagoo baay’ee of keessaa qaba. Anis fooyya’iinsa muraasa gochuun akka namoota hedduutti dhaqqabuuf qooda kiyya ba’uuf yaaleera. Dubbisa gaarii isiniif haa ta’u.
Bara durii biyya mootii tokkoon bulutu ture. Hayyoonni biyya sanaa rakkoo guddaa tokko hubatan. Waggaa sadii booda laggeeniifi maddi bishaanii biyya sanaa hundi akka summaa’u irra dhaqqaban. Namni bishaan sana dhugu hundi sammuun isaa ni dhaba, ni maraata jedhan.
Hayyoonni kun dhoksanii hin teenye; ariitiidhaan mootichaaf himan. Mootichi balaa dhufu hubatee, ummanni amma irraa kaasee bishaan qulqulluu kuusachuu qaba jechuun labsii baase. Namni kamiyyuu bishaan qulqulluu mataa isaatiifi maatii isaaf gahuu danda’u akka kuusatu ajaje.
Garuu uummanni mootummaa ija shakkiitiin waan ilaaluuf qishnaa/qoosaa wahiitti fudhate.
“Jedhee jedhee bishaan waaqaa bu’u nama maraacha jedhee labsii baasee?” jedhanii qoosan. Maraannaa hamaa sana irraa mataa isaaniif maatii isaanii hambisuuf bishaan hin kuusne.
Garuu mootichi, aangawoonni fi hayyoonni muraasni qishnaa ummataafi rakkoo sana hubachuu dhabuu isaa sirreessuuf osoo hin qabsaa’in “maaltu nu dhibe” jechuun of qofaaf bishaan kuusanii of eegan. Hayyoonni hedduun immoo balaa dhufu hin amanne. Labsii gara mootummaatiin darbe sababa ilaalcha hayyummaatiin hin ilaalamne jedhanii kuffisan.
Yericha ga’ee Bishaan sun summaa’e. Namni dhugu hundi maraachuu jalqabe. Dhiibbaan maraatummaa kun uummata hunda keessa babal’ate. Hayyoonni rakkoo sana hubatanii bishaan hin kuusinis akkuma uummataatti bishaan maraatummaa sana dhuganii maraatan.
Maraatummaan kun sammuu qofa hin turre. Maraatummaa fi Dhaloota TikTok
Amala waloo wahii qaba ture. Namoonni uffata isaanii baafatanii qaama isaanii saaxilanii daandii irra deemuu jalqaban. Hojiilee aadaa fi safuu faallessan ifaan hojjachuu jalqaban; kanaanis of jajan. Sirna dhabiinsi guyyaa guyyaatti baay’ate. Biyyattiin maraattota qofaan guutamte. Mootichi, aangawoonniifi hayyoonni muraasni bishaan qulqulluu kuufatan dhuguudhaan yeroo muraasaaf osoo hin maraatin turan.
Biyyattii keessatti sirni dhabamuun babal’ate. Kanarraa ka’uudhaan ummanni maraate akka fayyaatti of ilaaluun, namoota fayyaa immoo akka maraataatti ilaalan. Sirni durii, uffachuun, seera hordofuun “maraatummaa” jedhamee tuffatame. Ummaticha biratti qullaa deemuufi eenyummaa isaanii salphisanii jiraachuun, duudhaa balleessanii akka beelladaatti jiraachuun idilee ta’ee hojii sirrii ta’ee fudhatame.
Kanarraa ka’uudhaan ummanni mootichaafi hayyoota muraasaan dhaadannoo “fayyaa akka keenyaa ta’aa; maaliif nu irraa adda taatu?” fi kkf dhageessisuu jalqaban. Mootichi biyya hogganuu hin dandeenye. Sammuun nagaan biyyaa maraattotaa keessatti gatii dhabe.
Hayyoonni fayyaa turan rakkoon bishaan isaan dhugan ta’uu ummata barsiisuuf yaalan; garuu namni hin dhaggeeffanne. Ummata ofii isaa akka nagaatti ilaale hayyoota san akka maraatuutti ilaalu keessatti gorsi isaanii gatii dhabe.
Dargaggoonni maraatan hayyoota fayyaa akka diinaatti lakkaa’an. Nuti dargaggoonni bishaan keenya mi’aawaa qulqulluu ta’e isaan obaafna dhaadannoo jedhu dhageessisuu jalqaban. Yeroo kana hayyoonni baay’een kanneen ummataa wajjin maraatan mootichuma isa akka maraatuutti ilaalan sodaatanii callisan. Muraasni immoo hamileefi onnee dargaggootaa ilaaluudhaan hayyummaa isaanii mullisanii sochii sanaaf deeggarsa kennan. Mootummaa dhiisanii hayyoota warra sochii dargaggoota maraatanii faallessan mormuu jalqaban.

Namoonni beekumsa qaban tokko tokko uummata maraate jajuun.
Nnuti dargaggoota warra gaggaariifi biyyaaf yaadan kana ni deeggarra; maraatuu warra hayyuu ofiin jedhan ni mormina. Sagalee baay’inaa mormuun diimokraasii mormuudha” jedhanii maraatummaa deeggaran. Dargaggoonni maraataniifi ummanni isaan jaalate.
Hayyoonni fayyaa hafan haala jiruun rifataniimaal gochuu akka qaban hin beekne. Tokko tokko dhokatanii jiraatan; kanneen biroo ammoo jaalala uummataa fi sagalee hayyoonni maraannaa deeggaran argataniin hawwataman. Gara kaaniin sammuun isaanii dhugaa deeggaruu isaan ajaja. Muraasni immoo kallattii mootummaa ilaaluun barbaachisaa akka ta’e amanuun ummata irraa dhokatan.
Sochiin ummataa kan dargaggoota maraataniin deeggaramu hayyootaanis deeggaramuun ragaa dabalataa ta’eef. Mootummaafi hayyoota muraasa irratti dhiibbaan ulfaate. Dhaabbilee mootummaafi yuunivarsitii fullduratti mormii dhageessisuu jalqaban. Maraannaan sun hir’achuu didee itti cimaa deeme. Mootummaanis dhimmichi humna isaatii ol ta’aa deeme. Aangawoonni waan rakkataniif mari’achuuf wal ga’an. Tooftaan ittiin ummata kana maraatummaa irraa hambisan ni jiraa jedhanii yaada fayyadu tokkollee dhaban.
Qajeelfama jala deemuu caalaa dhaga’amtiin dursuu qaba yaada jedhu jalatti kafan.
Dhumarratti mootichi fi aangawoonni “aangoo keenya eeguuf nutis bishaan maraatummaa dhuguu qabna” jedhan. Mootichillee yaada kana fudhate. Bishaanichas dhugan; maraatanii akkuma uummataa ta’an. Uummannis gammadee “amma hoggantoonni keenya akkuma keenya fayyaa ta’aniiru!” jedhe.
Hayyoonni hedduun kanneen maraatanii garuu mootummaa sodaatanii callisaa turan yaada jijjiiruu mootummaa kana faarsuuf wal dursan. “Hogganaa jechuun kan ummata isaatti fakkaateedha” jechuun mootummaa kana faarsuu jalqaban. Namoonni bishaan sana hin dhugne immoo abdii kutatan.
Daldaltoonni carraa argatanii bishaan maraatummaa mi’eessanii gurguruu jalqaban. “Dhugaatii ammayyaaa!”, “Filannoo nama sammuu qabaatu!” jedhanii beeksisan. Maraatummaan daldala ta’e.
Miidiyaan, sirboonni, diraamoonni hundi aadaa fi amantii akka waan duubatti hafaa ta’etti arrabsan. Konsertiin guddaan qophaa’e; artiistoonni, hoggantoonni dargaggootaa irratti argaman.
Guyyaa sanatti uummanni hundi qaama isaanii saaxilanii walitti qabaman. Qaaniin akka waan duubatti hafaa ta’etti ilaalame. Hogganaan sagantaa qaama isaa saaxilaa bishaan dhaabbataa irraa sagantaa eegaluu labsate.
Dargaggoo beekamaa tokko akkana jedhe: “Sirni durii nu hidhee ture. Amma fayyinee jirra. Kan seera durii kabaju hundi maraataadha!”
Uummanni, “Eeyyee!” jedhee iyyate.
Hayyoonni beekamoon tokko immoo akkana jedhe: “Nu fayyaa dha. Baay’inni keenya nu sobsiisuu danda’aa?” Uummanni gammade; siiksaa, shubbisaa, fi walitti dhufeenyi saalaa babal’ate.
Dhaabbileen amantii hordoftoota dhabanii, tokko tokko immoo barnoota isaanii fedhii uummataatti mijjeessan. “Waaqni Addaamii fi Hewaan qaama qullaa uume” jechuun uffata morman.
Dhumarratti hayyoonni muraasni qofti bishaan maraatummaa hin dhugin dhokatanii du’uuf murteessan. Uummanni hedduun garuu maraatummaa filatee jiraate. Mootummaanis nagaan itti fufe; hoggantoonni maraatan hoggantoota maraatota ta’anii aangoo isaanii eeggatan.
1.https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
