Siidaa Dabalee fi Farda Siidaa Dabble

Siidaa Dabalee fi Farda Siidaa

Siidaa Dabalee fi Farda Siidaa Dabalee

  • Siidaa Dabalee fi Farda Siidaa Dabalee gosa oromoo, Galaan Kan Naannawaa Boolee Bulbulaa Jiraataa turaniidha. Siidaa Dabalee nama onnee qabu ;keessaahuu nama guluffii fardaatiin beekamu Ture.

Siidaa Dabalee Farda cimaa maqaa qabu leenjisee itti fayyadamaa Ture. Siidaa Dabalee nama yaabbii fardaafii kunuunsa fardaa hedduu jaalatu Akka Tureefi aadeffannaa kanas oromoota isa dura turanirraa Akka dhaale himama.

  • Siidaa Dabalee gaafa tolaas gaafa lolaas; gaafa gammachuus, gaafa gaddaas Farda isaa irraas adda hin ba’u Ture. Farda isaa Akka ilmoo ofitti jaalata Ture.
  • Fardi Siidaa Dabalee bifti isaa daalacha diimaafi dheerina guddaa kan qabu, hedduu kan miidhaguufi Farda kamiyyuu fiigichaan kan caalu Ture. Siidaa Dabaleetis Fardi isaa goota uumamaati jedhu hawaasni naannawaa Boolee Bulbulaa Turan.

Siidaan, Farda isaa boora sana guyyaa guyyaan qaama isaa dhiqee, miidhagsee kunuunsa ture.

Akka Mangudootin dubbatanitti guyyaatti si’a lamaa hanga sadiitti farda isaa laga buusee akka qaama dhiqaa turedha. Siidaa Dabalee kabaja ofiif qabuu ol farda isaa akka kabajuufi jaalatu ragaaleen Jiran ni mul’isu. fardi siidaa Dabalee oromoota finfinee danuu biratti Kan ittiin beekamu garmaama irratti fiigee jalaa ba’uufi ari’ee dhaqqabuudhani. Namooti tokko tokko akka jedhanitti, Akkam jalaa fagaattullee waaqayyoofi farda siidaa Dabalee jalaa bahuu hin dandeessu” jedhama.
kanaafis farda siidaa Dabalee hedduu kabaju, hedduus jaju Turan. siidaa Dabalee nama jaalatamaa hiriyoota hedduu qabu ture. keesssayyuu, warreen Isa waliin fardeen Garmaaman jollee #Jaatanii walin hedduu walitti dhufu ture. #Gadaa_Jaatanii #Birbirsa_Jaatanii #Jimaa_Jaatanii hiriyoota isaati Hiriyootni Siidaa Dabalee kanneen akka #Goobnaa_Buttaafi #Guraaraa_Lataa faas farda siidaatiif jaalalaafi kabaja guddaa qabu. Siidaa waliin taphatu, waliin garmaamus ture.
guyyaa cidhaaf guyyaa gaddaas waliin farda isaanii qabatani argamu turan.

waaye siidaa dabalee.ergaa hangana jannee boda Seenaa Dajjaazmaach Baalcha Saafoo.

Tibba kana dhimma Baalchaa Saafoofi gootota Sooddoo kaan utuun qoqqoradhuun suuraa kana arge. Battalan suuraa kana argettis, wanti yaadatti na dhufe, waan Barreessaan Beekamaa Addunyaa kanaa Robert Greene jedhamu kitaaba isaa “48 Laws of power” jedhu keessatti, waa’ee Dajjaazmaach Baalcha dubbate tokko.

Seenichi akkas

Walakkeessa 1920’ootaa keessa, mokwaanintootni fi masaafintootni itoophiyaa hedduun namni maqaan Tafarii Mokonnin jedhamu ( kan booda Mootii Hayilasillaasee ta’uuf deemu), aangawaa kamuu caalaa aangoo Mootii Itoophiyaa ta’uu fi Jifaara mootii uffachuuf carraa akka qabu hubachuudhaan gumgummii eegalan. Keessa keessaan “Namni hedduu of hin mul’isne, callisa baay’isuu fi amalli isaa garaa nama hin geenye akkasii akkamiin biyya bulchuu danda’a” abidda jedhutti naanna’anii karkarfatan.

Deemsa keessa, 1927, Hayilasillaaseen mootii ta’ee. Siidaa Dabalee fi Farda Siidaa

Abbootii duulaa Itoophiyaa tokko tokkoon mana mootummaa isaatti waamee, amansiisaa harka kennisiisaa sadarkaa hundumaa of harka galfachuu ga’e. Kaan dafanii tole yoo jedhan, kaan tarkaanfii lama boodatti, tokko duratti deemaa harka kennan. Makwaanintiin tokko garuu guutummaa guutuutti mootummaa Hayilasillaaseetiif amanamuu fi harka kennuu dide. Namni sun Dajjaazmaach Baalchaa Saafoo Ture. Yeroo sanatti, Dajjaazmaach Baalchaa, bulchaa kutaa biyya Sidaamoo ta’ee tajaajilaa ture.

Dajjaazmaach Baalchaan, goota, Obboleessa Madfii, Eessuma Labanii, Wasiila rasaasaa fi Mataa fi hoogganaa Waraanaa hamaa akka ta’e mootichi, Haayilasillaseen sirriitti beeka ture. Kana waan beekkateefuu, Haayilasillaaseen waamicha Baalchaadhaaf amalaan taasise. Yeroo kana Dajjaazmaach
Baalchaan waamicha sanaaf “Tole” jedhee, ofitti ammoo tuffii fi amantaa dhabuu waan mooticharraa qabuuf mala tokko malate. Malli inni male, loleewwan isaa lakkoofsaan 10,000 ta’an fudhatee gara Finfinneetti qajeeluu, yoo faanni isaa jiidhe, waraana mootummaa Haayilasillaasee kan gannata lu’uul (University kiiloo 6 har’aa) jiru irratti banuu, yoo adda qabaate ammoo hanga fonqolcha mootummaa gaggeessuutti adeemuu ture.

Dajjaazmaach Baalchaan waamicha mootichaa qeebalee dhuufe

Dajjaazmaach Baalchaan waamicha mootichaa qeebalee dhuufe

loleewwan ciccimoo kuma kudhan ta’an of duubaan akka calleetti naqee, masaraa mootummaa irraa xiqqoo fagaatee gaara naannoo Finfinnee jiru kan yeroo ammaa Sabbata Ayyoo jedhamu (naannoo Sabbataa) irra qubate. Akka mootii tokkootti of ilaalee, mootichi Haayilasillaaseen dhufee achitti akka isa simatuu fi waliin mari’atu lapheesaa dhiibee karaa ergamtoota isaan ofitti waame.

Haalli isaa kun Haayilasillaasee rifachiisus, rifaatuusaa liqimsee ergamtoota nagaa gara Dajjaazmaach Baalchaatti erge. Baalchaan ammas haalduree hamtuu tokko malee akka gara masaraa isaatti hin deemne dhaammate. Haaldureen sunis, loleewwan fidatee dhufe keessaa warra ciccimoo ta’an 600 hidhannoo guutuu waliin akka of faana fidee masaraa mootummaa seenu ture. Mootichi, Hayilasillaaseen ammas hin hifanne, hin rifannes; tole jedhe. Inumaa “loleewwan baalchaa gootummaa isaaniitiin impaayerittii tajaajilaa turan keessummeessuun kabaja kiyya” jechuun ergaa itti erge. Yeroo kana Baalchaan, Loleewwansaa kumaan lakkaawaman gaarreen irra akkasaan lolli yoo ka’eefis qophaa’anii eegan ajaje. Warra ciccimoo jedhee amanu ammoo isa waliin gara masaraatti akka fulla’an ajajuun, yeroo achi ga’aanis afeerraa bakka sana jiruun akka hin machoofne, haalaan akeekkachiise.

Dajjaazmaach Baalchaan duubaan loleewwansaa ciccimoo 600, fuulduraan nyaarasaa lamaan guuree masaraa mootummaa gahe.

Yeroo achi gahan qophii cidha fakkaatuu fi simannaa misirroo fakkaatutu isaan eege. Mootichi, Haayilasillaseen akka mootiitti simatee Dajjaazmaach Baalchaa masaraatti ol seensise. Mootichi, Akka daa’imaatti olii fi gad kaatee jilba dhungatee yoo keessummeessu, Dajjazmaach Baalchaan akka mootichi isa sodaatee fi firummaasaa argachuu barbaadutti amane.

1.https://www.scribd.com/document


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top