Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo warra Chaabbaafi Dudukwee)

Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo

Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo Hadzabeen gosoota adamsitootaa Bahaa Afrikaa sanyiin isaanii xiqqeenyan hafan keessaa isaan tokko yoo ta’an naannoo haroo Eyaasii bakka addaa Arushaa jedhamu kaabaa biyyaa Taanzaaniyaa keessa jiraatu. Jireenyii isaanii walakkaan godaantoota waggoota hedduu bosona keessa jiraataa turaniidha. Uummanni kun jijijirama dhala namatiin utuu walitti hin makamin warreen walitti dhufeenya aadaa uumamaa waggoota kumaatamaan duraa ture qabataanii jiraataanidha.

Akkumaa koorniyaa isaanitti dhiiraafi dubratonni hojii gargaraa hojjetu.

Dhiironni Hadzabee adamsitoota ogummaa qaban yommuu taʼan, bineensota akka jaldeessaa, Weennii, harree didoo, xaddeefi ilma namarraa kan hafe bineensota kammiyyu adamsanii nyaatu. Meeshaan adamsuuf isaan itti fayyadaman xiyyadha. Xiyya tokko bineensa tokko qofaaf fayyadamu, Xiyyi isaanii kun summii biqiltuu roozii gammoojjii keessatti argamuun fiixee xiyyichaa irraatti hojjechuun fayyadamu. Dubartoonni firii mukkeen bosonaa, hunde-diimaa, fuuduraa, kuduraafi damma walitti qabuun nyaata qopheessu.

Akkuma dhala namaa kamiyyuu daa’ima ni qabu. Bakka jireenyaa yookiin iddoo boqonnaa isaanii damee, baalaafi marga irraa yeroodhaaf kan isaan tajaajilu godoo ijaaru. Yeroo bineensonni naannoo isaan qubatan sana hin jiraanne godaansa bineensota hordofuufi nyaata adda addaa argachuuf waqtiidhaan socho’u.

Adamsitoonni Kunniin abidda qabsiisuf kibirita hin fayyadaman. Muka lama waliirra godhuun gubbaa gadiin walitti riguun gidduu waan sibila ta’e kaa’uun ibidda uumu. Kunis mala aadaa abbootii isaanii durii wajjin kan walfakkaatudha.

Warra Hadzabee afaan isaanii Hadzaa jedhama. Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo

Afaan isaan dubbatan firoota isaanii irraa kan hafe namni tokko akka baruufi dubbatu hin fedhan. Afaan kanaan sagaalee bineensotaa fakkeessuun ittiin waamanii xiyyaan ajjees•su. Afaan Hadzaa kun akkuma afaanoota biroo walitti dhufeenya ummatichaan kan wal fakkaatudha. Afaan seenaa, sirbaafi sheekkoodhaan badhaadhe yoo ta’u, seenaafi duudhaa isaanii eeguuf loqoda murteessaa ta’ee tajaajila.

Adamsitoonni Hadzabee garee xixiqqoon socho’u. Namoota 20–30 ta’an naannoo tokko keessa jiraatu. Hooggansa sirnaa wanti jedhamu hin jiru. Gaafa namni tokko balleesse yakka waloo isaan irraatti godhe murtoon kan kennamu walitti qabaan yoo ta’u, jaarsoliin muuxannoo umrii dheeraa isaanitiin kabajamu. Jaarsonni Hadzabee hanga umurii 115 jiraatu. Dargaaggoota Hadzabee keessaa #Chaabbaafi #Dudukween qaxalee bakka hundatti argaman, akkasumas adamsitoota ciccimoodha. Haadha warraafi ijoollees ni qabu. Dargaagoota kana warreen qabiyyee Tiktok,f YouTube irratti uumantu gara magaalatti as baase. Keessumaa Chaabbaan gara laafummaafi tapha isaatiin namoota heddu biratti jallatamummaa argachuu danda’eera!

Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo

Hadzaboonni amantii hafuuraa Animizimii irratti bu’uura godhatee madde hordof.

Uumamni hundi akka hafuura qabanitti ilaalu. Kabaja amantiif sirnoonni akka shubbisa ‘Epeme’ kan yeroo ji’a keessaa guyyaa 28 kabajuun raawwatama. Amantiifi aadaan isaanii walitti dhufeenya hedduu qabachuu irraa kan ka’e karaa aadaa isaaniin amantii ofii calaqqisiifatu.

Haatahuumalee hawaasa Hadzabee dandamachuu danda’anillee qormaata hedduutu isaan mudata. Isaan keessaa inni tokko Weerara lafaati. Babal’ina qonnaa, babal’inni magaalaafi industry,n misooma lafa adamsitoota kanneenii akka malee hir’isee jira.

Mirgi eegumsa lafa naannoo isaan jiraatan eeguun madda turizimiif itti fufiinsa qabu akka ta’uuf hortee, aadaa, duudhaafi afaan Hadzabee kabajuun irraa caalatti fayyadamoo taasisuun guddisuuf tattaaffiin gamaa mootummaa Tanzaaniyaan taasifamaa jiraaf.

Namootni akkaataa jireenya adamsitoota Hadzabee baruuf. Seenaa uummata Hadzabee (Qomoo

barauuf fedhii qaban bifa turizimiin karaa naamusa qabuun ilaalaa jiru. Daawwattoonni hedduun mala aadaa adamsuu barachuu, sochii isaanii uumamaa dhala namaa durdurii waliin walitti qabuu irratti hirmaachuufi aadaa gosa kanaa irratti hubannoo guddoo argata ajiru. Gaafa daawwatan sirna isaanii kabajuu, aadaafi duudhaa isaanii ogummaa qofaan itti dhiyaachuun akka barbaachisu dubbatu.

1.https://www.scribd.com/document/5


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top