Seenaa Diddaa Gabrummaa Oromoon.
Jireenya ammaa gaggeefachuu fi isa dhufuuf mala dhawachuuf akkasumaas jireenya haraa fi kan dhufuus haala gaariin akka jiraannuuf kan dabre beekuun shoorri qabu danuudha.Akkasumaas jireenya dabre kan haala jiruu fi jireenyaa haraa fi fuula duraa keessatti badaa fi gaarii adda baafnee deemuuf nu gargaaru kun seenaa dha. Seenaan haala waliigala jiruu fi jireenya, cimaa fi dadhabina,gabrummaa fi bilisummaa saba tokkoo dhaloota isa amma jiruuf dabarsuun dhaLoonni har`aa kun seenaa gaarii Abbaa isaa akka jabaatee eeguu fi qaawa seenaa keessatti Abbootiin isaa qabu akka suphuuf waa’ee saba isaa tan kalleessaa dhaloota dhufuuf dabarsuudha.
Dhandhama sadarkaa jireenya keenya ammaa fi kallattii isa dhufuuf Murtii sirrii kennuuf dhaLoonni ammaa dhugaa seenaa.kalleessaa saba isaa qabachuudha qabu.Namni beekkumsa seenaa qalbiirraa hin qabne akkaataa jireenya har’aa gaariin badaa,badaan gaarii jechuun ragaa bahuu fi kallattii fuula duraa dogongoraan tilmaamachuu waan danda’uuf barbaachisummaan seenaa dachaa dha. Bara jireenya isaa keessatti dhalli Namaa hundi dhiibbaa isarratti hojjatamuuf yoo onnee..
ka`umsa Qoranichaa (Hypotheses of the study) Seenaa Diddaa Gabrummaa Oromoon
Bara jireenya isaa keessatti dhalli Namaa hundi dhiibbaa isarratti hojjatamuuf yoo onnee qabaate mormee of kabachiisa yoo luyna tae calliseeti ofirratti laala.Seenaa Saba oromoo keessatti Qabsoon diddaa Gabrummaa Ummatni Oromoo sirnnoota Nafxanyaa irratti iddoo adda addaatti Godhan seenaa eenyummaa Saba Oromoo Addunyaatti himuufi dhalootni Haraas Oromummaa isaatti akka boonu kan taasiseedha.kanaafuu Qabsoo diddaa gabrummaa Sabni Oromoo sirna Nama nyaataa Nafxanyaa Minilik irratti gochaa turan keessaa Qabsoon Ummatni Oromoo Harargee Bahaa calanqotti taasisaa turan isa tkko waan ta`eef qorannoon kun kan xiyyeefatu qabsoo sabni Oromoo Harargee Bahaa bara 1887tti Nafxanyaa waliin gochaa turan kan bu’uureffate dha.

.Rakkoon Qorannichaa Seenaa Diddaa Gabrummaa Oromoon(statement of the problem
Gocha hammeenya darbee deebianii sammuu Qaroomaan Qorachuun fuula duratti akka hin deebineef ittisuu fi akkasumaas bifa isaa jijjiirratee yoo dhufellee muuxannoo akka tahuu fi seenaa kana dhalootni haraa beekee kan dhufuuf akka dabarsuufi. Qabxiin biraa immoo Gootota saba Oromoo Harargee Bahaa kan Birmadummaa biyya isaaniitiif lubbuu wareegan seenaan isaanii sadarkaa afoolaatiin osoo hin taane gadi fageenyaan akka.Qorannoon seenaa Gadi fageenyaan Qoratamee seenaa Saba kanaa ibsu hin jiru.
Sababa seenaan qabsoo Ummata kanaa kun qoratamee bifa qindaaheen hin jirreef Goototni sirna kana keessa mirga isaaniitiif Wareegaman hirraanfatamaa jiran. Warreen ilaalcha sirnoota dabranii kana Qaban seenaan kun balinaan barreeffamuu dhabuu irraa kan kae miidha Nafxanyaa/malkanyoota kanaan U
.Miidhaa Bara Hayile-sillaase
Moototni habashaa darabee sirna bittaa kolonii Minilikitti wal furan marti qiyyaafatnoon isaanii uummata
Oromoo irratti. Seenaa, aadaa fi afaan Oromoo balleessuu fi qabeenyaa Oromoo saammachuu dha.
Guddina afaan, seenaa, aadaa fi dinagdee Oromootti duulaa ilmaan nafxanyaa Oromiyaa keessatti kan
goobse Hayila-sillaasee dha. Hayila Sillaaseen qubsuma ilmaan nafxanyaa babal’isuu fi jajjabeessuun, aadaa
fi afaan Oromoo gad-qabee kan Amaaraa irratti babal’isuun, baasii gibiraa ol kaasee ittiin dinagdee Oromoo
quucarsuu fi lafa isaa irraa buqqaasee nafxanyaa irra qubachiisuu fi k.k.f niin hawaasa Oromooo hedduu
miidhe.
Ummatni Oromoos mormii fi diddaa bittaa kolonii mootummaa hayila Sillaasee gochuun kufaatii
mootumichaaf guddaa gumaache. Fincila diddaa kolonii mootummaa Hayila-sillaasee Oromoon yeroo fi
bakka adda addaatti gochaa ture keessaa tokko kan Raayyaa Aseeboo bara 1928-30 ti..
Bara 1928 keessa bulchaan naannoo Raayyaa, Azaboo fi Waajiraati Gugsaa Ari’ayaa ture.

Gugsaan gita
bittuu habashaa, Hayila-sillaaseen nama Oromoo Raayyaa irratti ramadamee dha. Bittaa kolonii Hayilasillaasee bakkaan gahuuf jecha miidhaa Oromoo irraan gahuutti fakkaattii hin qabu ture. Humna Oromoo
Raayyaa laaffisuuf jecha gibira ol kaasuu fi miidhaa adda addaa irraan gahuu eegale. Kanaaf Oromoon
Raayyaa ji’a jalqabaa bara 1928tti mootummaa irratti fincilan. Hayila-sillaaseen fincila kana dhaamsuuf
humna waraanaa meeshaa jabanaa hidhate itti duulche.
Humna lafoo qofaan injifachuu akka hin dandeenye
hubate. Akka kanaan hogganaa ministeera waraana isaa ennasii Dajjaazimaach Mulugeetaa Buliin ji’a
Bitootessaa bara 1930tti humna waraana lafoo fi qilleensaa itti bobbaase.
Seenaa Diddaa Gabrummaa Oromoon Harargee Bahaa bara 1887 Minilik irratti taasisan2.
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.


