1.1.Seenaa Dhaloota Oromoo fi Hortee Oromoo Pdf
Seenaa Dhaloota Oromoo fi Hortee Bara Xaaliyaanii boodas deggersa mootummaa Ingiliziin Hayila-sillaaseen barcuma bittaa isaatti oggaa
deebi’u, warri jalqaba fincile Oromoo Raayyaa ti. Akkuma Hayila-sillaaseen bara 1941ttti aangootti
deebi’een hawaasni Oromoo Raayyaa fincilan. Fincilli kun hanga 1943 daboo humna qilleensaa Ingilizii
Eden irraa ka’uun rukkutametti hin qabbanoofne. Hayila Sillaaseen baqattummaadhaa deebi’ee bittaa
kolonii habashaa gargaarsa Ingilizii fi biyyoota dureeyyi biroon itti fufee fincila Oromoo humna qawween
dhaamsuuf miidhaa qabeenyaaf dhumaatii namaa hedduu geessise. Bara 1947-48 keessa ammas Oromoo
Raayyaa fincilanii bakka bal’aa bilisoomsanii erga qabatanii booda, daboo humna qilleensaa Ingilizii Eden
irraa kadhatameen ammas qabbanaawe. Humni qilleensaa kun gara laafina tokko malee dhukawaa itti
harcaasuun humna riphee lolaa Oromoo fi ummataa nagaa dilbootti fixe.

BOQONNAA TOKKO. Seenaa Dhaloota Oromoo fi Hortee
Ummanni Oromoo hortee Kuushii jedhamee beekkamuufi bara durii jalgabee Baha ykn Gaafa Afrikaafi Kaaba Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaa akka tae seenaan ni mirkaneessa.
kitaba gutu isa Asiin gad bufadha Seenaa Dhaloota Oromoo fi Hortee
Kitaba kan Seena Oromoo kan Hortee Oromoo Aksums Kan Aadaa fi Turizmii Godiina Harar dabalete kan waye Seeras Asiin gad bufadha
Gaafa sirni nugusummaa Hayila-sillaaseen kufee.
 Dargiin bakka isaa buhu jijjiiramni ni argama jedhee kan
hin abdatni hin ture. Dargiinis sirna sooshaalizimii kan hundumaa wal qixxeessuun Impaayerattii keessatti
bu’uuressaan dhaadachaa, gama kaaniin bittaa abbaa irrummaa itti fufe.
Akeekni ilmaan Oromoo fi cunqursamoo biroon, sirna fiwudaalaa Hayila-sillaasee kuffisuuf qabsoo gochaa
turan, sirna cunqursaa Impaayerattii hundaadhaa hin jijjiirre. Ol-aantummaa aadaa fi afaan Amaaraa kan
Oromoo fi sabaa fi sab-lammii kibba Impaayeratti irratti dagaagse malee, ittiin hin qixxeessine. Afaan ofiin
dubbachuunuu dhippummaan nama yakkisiisaa ture. Oromoo Oromummaa isaaf falmatuu fi ittiin boonu
hidhuu, dararuu fi ajjeesuu irratti hedduu duule.
Beektotnii fi barattootni Oromoo duula eenyaummaa balleessuu.
 dargii sana bifa adda addaan fashalchiisuu
irratti muratnoon dura dhaabbatan hedduun ni galaafataman. Warri amanamummaan waliin hojjechuuf
tattaafatan irra hedduun akka baalaa keessatti harca’an.
Sirni cunqursaa Impaayera Itophiyaa Minilik irraa eegale, Dargiin maqaa Sooshaalummaan bu’uura isaa
utuu hin gad dhiisin itti fufe. Dhaadatnoon isaa jalqabaas “yaala minim dam Itoophiyaa tiqdam” (dhiiga
tokko malee Itoophiyaan haa dursituu”) ture. Boda garuu cunqurfamoota mirga eenyummaa boortaan
dhabaniif dubbachuu fi hojjechuu eegalan “dhippummaa fi farra warraaqsaan” yakkee dilbootti fixuu itti
fufe. Kana irraa ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo kibba Impaayerattii, bittaa kolonii Hayila-sillaasee irraa
gara kan dargiitti tarkaanfatan.
Sab-boontotni Oromoo, labsiin “walqixxummaa” Dargiin karaa saaqetti haajomanii Fulbaana bara 1974
hanga gurraandhala 1977tti kutaa Oromiyaa warra akka Baalee, Arsii, Harargee, Shawaa fi Wallagga
keessatti gartuun hawwisoo aadaa Oromoo dhaabbatanii aadaa fi afaan Oromoo waltajjiitti baasuu fi.
tokkummaa Oromoo argisiisuuf tattaafan ittiin yakkaman. Yeroo sana ture.
“Adaamaadhaan, Naazireeti jedhanii”
“Tolasaa fi Badhaasaa kiristinnaa kaasanii”
“Ilmaan abbaa tokkoo gar gar nu baasanii!” kan jedhu waltajjii irratti sirbamuu fi Oromoon kutaa fi amantiin
wal qooduu akka hin qabne labsamuu kan jalqabe. Sanaan ture Dhuma bara 1976 fi jalqaba 1977tti
Gartuun Hawwisoo Aadaa Oromoo Kutaalee 7 (Shawaa, Harargee, Arsii. Baalee, Wallaggaa, Iluu
Abbaa Booraa Fi Kafaa) Finfinnee irratti walitti dhufanii sirba aadaa fi do’ii garaa garaa kan argisiisan.
Dargiin afaaniin walqixxummaa lallabaa ilmaan Oromoo sana irratti qooda fudhatan dhippummaan yakkee
hidhaatti guure
3.Seenaa Dhaloota Oromoo fi Hortee Oromoo Pdf
3.https://elearning.daminaa.org/slides/slide/
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.

