Ummanni Oromoo hortee Kuushii jedhamee beekkamuufi bara durii jalqabee Baha ykn Gaafa Afrikaafi Kaaba Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaa akka tae seenaan ni mirkaneessa. Ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa jiraataa jiru kuniis bara durii kaasee kan jiraataa turee fi arraas jiraachaa jiruudha. Ummanni kun sosochii jaarsa ummata biyya teenyaa keessatti bara durii kaasee gahee bakka bu’insa hin gabne bahaa ture. ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraachaa akka ture barreesitooni seenaa hedduun ragaa bahanii jiru. Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Hayileefi kanneen biroo kitaaba “ History Of The Oromo To Sixteenth Century” jedhu
kan jedhu kana irratti waahee Isa akkana jechuun ibsanii jiru
Many historical documents testify that the population of the country are indigenous Population. From among the indigenous of population of the country, those who had
living 8000 years ago on the Eastern parts of Africa were the Cush people. As linguistic evidences testfy, the ancient Cushitic language had been divided into four branches
starting 5000 B.C. One among the four is the eastern branch of Cush. In about 3,500 B.C.
10 2,000 B.C, the eastern Cush in its turn was divided among the population groups who
had developed their own language. Thus, the the origin of the Oromo Population is from
the eastern Cushitic branch. The Oromo Population as members of the Cushitic family had
started to live in northeastern parts of Africa from 3,500 B.C. TO 2,000 B.C. with its own
culture and language.
Akkana Jechuun Ibsanii Jiruu

Yaada barreeffama kanaa gabaabinaan yoo ilalle,
Akkna Jechunkayan Ragaaleen seenaa barreeffamanii jiran baay’een ummatoonni biyya kanaa ummata hortee durii as jiraachaa tureedha.
Ummata kanneen keessaa kan waggoota kuma 8000 dura gara Afrikaa Bahaa kana keessaa jiraachaa turan keessaa tokko ummata hortee Kuush keessaa tokkoodha. Akka ragaan xiingoogaa ibsutti, DH.K.D bara 5000 irraa eegalee afoononni damee Kuushitik durii dameelee gurguddoo afuritti kan qoodamuudha. Dameelee afran kana keessaa tokko damee Kuush Bahaati. Ummanni kunneeniis afaan ofii isaanii itti fayyadamuun guddisaa kan turanidha, Ummanni Oromoos damee ummata Kuush Bahaa kana keessaa tokko kan ta’ee fi DH.K.D waggoota kuma hedduu dura eegalee kaaba Baha Afrikaa kana keessa afaanii fi aadaa isaanii
guddifachaa jiraachaa akka turan kan ibsuudha
Ragaan seenaa kun kan agarsiisu ummanni Oromoo ummata hortee kuush keessaa tokko ta’ee durii kaasee kaaba Baha Afrikaa keessa jiraachaa akka turaniidha. Kun dhugaa hin haalamne akka ta’e ragaaleen baay’een ni mirkaneessu. Haata’uu malee, warri beekaa seenaa Oromoo jallisanii akka ofii fedhanitti barreessaa turan ummata Oromoo hundeen isaa Afrikaa kanaan ala
akka ta’eetti kan barreessaa turan ni
ru. Alamaayyoo Haylieekitaaba “Seenaa Oromoo Hanga
Jaarraa 20″ jedhu irratti yaada kana akkana jechuun ibsee jira.
Barreeffamoonni seenaa fi xiinhawaasaa ilaalcha Seemitikiin faalaman.
faalaman ragaa
sobaa dhiheessu hundee Ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu. llaalchi kun
barreessitoota Habashaafi deeggartoota isaaniitiin waggoota dheeraaf
irra deddeebi’amee calagqiseera. Kana keessatti barreeffamni Abbaa
Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba. Duula buttaa Oromoon jaarraa
16ffaa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda addaatti taasise
barreeffama Abbaa Baahiree raga taasisuun biyya Oromoo ltoophiyaa ala
Yookaan Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo irra deddeebi’ame
dhugaa ta’a” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa jecha “Galaana
Gama” jedhu qofa luqgisanii fudhachuun akka Oromoon bahar gamaa dhufe fakkees-
Sani barreessaniiru.
Kanarraa kan hubannu warri seenaa Oromoo akka ofii fedhanitti jallisanii barreessaa turan ragaalee sobaa irra daddeebi’anii bareessaa akka turaniidha. Kuniis itti yaadamee kan godhame akka ta’e kan nama agarsiisuudha. Isaan akka fedhii isaaniitt jallisanii seenaa sobaa barreessaniis ummanni Oromoo hortee Kuush keessaa tokko ta’ee kaaba Baha Afrikaa kana keessa waggoota kuma baay’een dura jiraachaa akka ture warri seenaa dhugaa lafa kaahaniis baay’eetu jira
kanaaf dhaloonni ammaa seenaa dhugaa kana beekee karaa adda addaatin
dhaloota dhufuuf dabarsuun baay’ee barbaachisaadha.
Itti Fufa yero gababa keysatii fula itti Anu qabdhe dhufa galatoma
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.

