Seenaa Abbooti gafaa Boorana Abboottiin Gadaa kun Bulee DabbasaaBuleeti.

Seenaa Abbooti gafaa Boorana

Seenaa Abbooti gafaa Boorana Abboottiin Gadaa kun Bulee DabbasaaBuleeti.

Innii abbaa Gadaa Booranaa 60ffaa, barii gadooma isaa 1928-1935. Maqbaasii isaa Libaasaa, innii eemmajii.Taateewwan gugurdoon bara gadooma isaa taheef kessaa:

Waraanii Xaaliyaanaa Xoophiyaa lolee, mootiin Xoophiyaa
Hayilee Sillaaseen Xaaliyaanotaan baqate. Bara gadooma isaa Boorana Liiban, nyaaphii nannoo Liiban keessaa baasee ibiddii Booranaa Liiban keessatti liliphisee yaa’a isaatuu nyaaphii dallaa dayee inninuu madaa’e akhaakhuu Buleen.
Gaafa hancufa seeneyyuu miila hin qabu jedhani.
✓ammallee bara gadooma isaa oolaan fi dinnii ittii bayyachuun Boorana qabattee horiin cufa dhumate. Sababa Waraanaaf gadaa isaa;
✓Abbaan Gadaa ka isarraa baallii fuudhe (Adii Dooyyoo Jiloo Nyeencoo Soraa- Abbaan gadaa Booranaa 61ffaan /1935-1943) waraanaaf oolaaf baallii gadoomaa Bulee Dabbasaa irraa fuudhuu dadhabee, Buleen baallii gadoomaa
kaarra mukaa kaayee Aagaa Adii achii baallii fudhate jedhani.

✓ Abbaa Gadaa Bulee
Dabbasaa qofaanitii, abbootiin Gadaa Booranaa ta bara
gadooma isaanii seenaan jajjabaan tayeyyuu dhuuga.
Fakkeennaaf;

Abbaan Gadaa Gadayoo Galgaloo Yaayyaa; Gosa Booranaa

Dambituu warra gussaatii, maqbaasii isaa Fullaasa.
Barii gadooma isaa (1458-1465): innii Abbaa Gadaa Booranaa ka
1eessoof abbaa gadaa ka haroomsa sirna Gadaa Oromoo kan
bara cunqursaa Habashootaa sun Oromoo walitti gurmeessuun
gahee guddaa qabuudha.

Abbaan Gadaa Daawwee Gobboo Yaayyaa: gosa Booranaa

Qarcabduu-buuyyamaa, maqbaasii isaa Daraara. Barii
gadooma isaa (1696-1703). Innii qaroo hayyuu beekkamaa
nama seera Gadaa fooyyessee, seera-gumaa, seera adaba
hattuu, seera fuudhaaf heerumaa, akka namii akhaakhayyuu
torbaa asitti wal-hin fuunee fi seera gumii gaayoo tume,
jedhamee seenaa Gadaa Booranaa keessatti beekkama.

Abbaa Gadaa Liiban Waata Nafurii Khallachaa: gosa Seenaa Abbooti gafaa Boorana

Booranaa Digaluu Walaajjii, maqbaasii isaa Moggisa. Innii
Abbaa Gadaa Booranaa, 41eessoo yo ta’u, barii gadooma isaa
(1776-1783). Innii hayyuu qaroo beekkamaa jedhamee seenaa
gadaa Booranaa keessatti yaadatama. Gumii simphira Balal
Abbaan Gadaa Liiban Waataa hundeesserratti hawwaa, Gujii,
Booranaa fi Arsii dabalatee gosoota Oromoo 17 caalantu
argamee hirmaate waan ta’eef, Oromoon akka bara Gadaa
Liiban Waataatti walii galee hin beeku jedhama.

Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Ingulee Lakhee Sadee

Morowwaa Abbayi: gosa Booranaa Galaantuu Lukkuu,
maqbaasii isaa Sabbaaqa. Innii Abbaa Gadaa Booranaa,
54eessoo barii gadooma isaa (1880-1886). Bara Gadaa Guyyoo
Boruu Ingulee, faranjiin lafa Booranaa waraanaan seentee;
Gadaan Guyyoo Boruu waraana faranjii kana injifatee, baallii
Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaatiif dabarse.

Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessa Guyyoo Dabbasaa: gosa

Booranaa; Qarcabduu Buuyyamaa, maqbaasii isaa; Moggisa.
Innii Abbaa Gadaa Booranaa 55eessoo, barii gadooma isaa
(1888-1895). Barii gadooma gadaa, Abbaa Gadaa Liiban
Jaldeessaa, bara Minilik Boorana qabate.

Seenaa Abbooti gafaa Boorana

Abbaa Gadaa Bulee Dabbasaa: Barii Abbaa Gadaa Bulee

Dabbasaa, bara Xaaliyaantii biyya Xoophiyaa qabatte.

Abbaa Gadaa Halakee Dooyyoo Dooyaa /Harreelee: Gosa

Booranaa galaantuu lukkuu, maqbaasii isaa Fullaasa. Barii
gadooma isaa (1736-1743), innii abbaa Gadaa Booranaa
36eessoo. Duuba waan seera Gadaa Booranaa balleesseef
Gumii Gaayootiin abaaramee, abbaan Gadaa khallachii khormii
oo’ee du’e. Abbaan Gadaa Halakee Dooyyoo Harreelee,
abaarsa kanaan rifatee du’ee irreessii isaa ammallee Bakkee
Gaayooti. Durii duuba gaafa Booranii Booranaa ka aadaaf
dhugaan akkuma ufii jirtu kaani, abbaa gadaa yo innii aadaa
uumaa waaqaaf lafaa keessaa miliqee bahe eegii innii baallii
gadoomaa fuudhee gadoomellee yo taate, inbuqqisan. Aadaaf
seera Booranaa keessatti Abbaan Gadaa kallachii kormii qara
duraan eegii innii Gadoome Buqqisan ka Ani dhagaye Abbaa Gadaa Halakhee Dooyyoo Harreelee(1836-1844)ti. Aadaan
akkanaa tun “Buqqisuu” jedhani. Abbaan Gadaa ka eegii innii
baallii gadoomaa fuudhe buqqisan yo innii akkam tahe?
Seerii laafaa kaawan, jabaallee hin hanqatu jedha Booranii.
Akka Aadaa Booranaatti namii cuftii seera uumaaf namaallee
gadi jedhan


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top