Seenaa Abbaa Gammachiisu B.1856 Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis (1856 -1931)
“Mucaa koo ni gurgurattamoo gabroomfattee teessifatta.”- Onesmoos Nasiib.
Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis bara 1856 Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa
Hurrumuutti dhalatan.
Maqaan isaa kan dhalootaa Hiikaa Awaajii jedhama. Barri Hiikaa Awaajii itti dhalate kuni bara walitti bu’iinsi naannoo isaa keessa ture waan ta’eef, Abbaan Hiikaa, Obbo Awaajii Irreessoo ijoollee isaanii sadeen Boonsaa, Seenaafi Hiikaa haadha warraa isaanii biraatii dhiisanii, waraana Iluuf Hurrumuu keessatti wareegaman.
Kunis Hiikaan abbaa isaa waggaa afuritti akka dhabuuf sababa ta’eera.
Bara 1869 garboomsitoonni Hiikaa haadha isaa jalaa hatuun, maqaa haarawa Nasiib jedhu
moggaasaniifi akka garbaatti gurguratan.
Sanaan boodas Hiikkaa Awaajii yeroo heddu bitamee gurgurameera.
Haaluma kanaan jireenya isaa keessatti yeroo saddeet bitamee garbummaaf gurgurame.
Dhumarratti, itti aanaa itti gaafatamaa Qoonsilaa Firaansi kan ture, namni Weerner
Munziinger jedhamu, Magaalaa Mitsiwwaatti isa argatee akka garbummaan hin gurguramne bilisa isa baase.
Sana booda ergamtoonni lallaba Kitaaba Qulqulluu Siwiidiin mana barnootaa ijoolleen dhiirri qofti
itti baratan iddoo Imkulluu jedhamu waan qabaniif, Nasiib achi galee akka baratu taasisan.
Nasiibis yeroo gabaabaatti barataa cimaa dandeettii addaa qabu akka ta’e mirkaneesse.
Dhalatee waggaa 16’tti Bitootessa 31 bara 1872 cuuphamee maqaan kiristaanummaa Onismoos jedhamu mogga’eef. Afaan Girikitiin ‘Onesmos’ jechuun faayidaa qabeessa jechuudha.
Barnoota isaas duraa waggoota shan keessatti xumurun itti aansuun, dhaabbata barnootaa amantaa ‘Johaaneluundis’ jedhamu, kan magaalaa Biromaa, biyya Siwiidinitti argamutti ergamee waggoota shaniif barnoota amantaa ol’aanaa baratee booda gara Mitsiwwaatti deebi’uun , shamara waggaa
kudha sagalii Mihirat Hayiluu jedhamtu fuudhe.
Onesmoos Nasiib Ummata isaa barsiisuuf fedhii cimaan isa keessatti wanta uummameef, haadha warraa isaa, abbaa ishiifi namoota biroo sadii ta’anii waliin karaa Sudaaniin gara Wallaggaa
seenuuf adeemsa eegale.
Haa ta’u malee, loltoonni Mootummaa Itiyoophiyaa adeemsa isaaniitti gufuu waan itti ta’aniif, Asoosaa darbuu wanta dadhabaniif gara magaalaa daangaa Itiyoophiyaafi
Sudaan jirtu, kan Faamkaa jedhamtutti deebi’uuf dirqaman.
Onesmoosis achi osoo jiraatuu dhibee busaatiin qabamee daran dhukkubsate.Kana booda
Onesmoosiifi miiltoowwan isaa gara Kaartuumitti deebi’uuf waan dirqamaaniif bara 1882
Kaartuum gahan.
Onesmoos achitti dhibee busaa irraa fayyuun gara Imkulluutti deebi’ee, hojii isaa wangeela barsiisuu itti fufe. Yeroo sanii kaasee, barreeffama adda addaa gara Afaan Oromootti hiikuu eegale.

Bara 1886 yeroo lammaffaaf gara Wallaggaa deemuuf. Seenaa Abbaa Gammachiisu B.1856
Bara 1886 yeroo lammaffaaf gara Wallaggaa deemuuf tattaafiin taasisan erga gufatee booda, Kitaaba Qulqulluu guutumaa guutuutti gara Afaan Oromootti hiikuu eegale.
Haa ta’u malee, ijoollummaa isaarraa eegalee Ummataafi aadaa isaa keessatti wanta hin guddatiiniif, hanqina jechootaafi jechamoota Afaan Oromoo wanta qabuuf, gargaarsa barbaaduuf dirqame.
Akka carraa ta’ee, shamarree Asteer Gannoo jedhamtu, kan Iluu Abbaa Boor garbummaan gara
Yemenii fudhatamaa osoo jirtuu loltoota galaanarraa Itiliin bilisa baate, Imkulluutti argate.
Ishiinis hojii isaa barreeffamoota gara Afaan Oromootti hiikuurratti gargaarsa olaanaa
taasisteef.
Gargaarsa ishiin gooteefiin Kakuu Moofaa gara Afaan Oromootti hiikee Waxabajjii bara 1897 xumure.
Bara 1904 gara Wallaggaa deemee, uummata isaatti makamuu danda’e.
Yeroo san bulchaa Wallaggaa kan ture, ‘Dajjaazmaach’ Gabra-Igizaabeer, fuula ifaan isa simate.
Yeroo duraatiif Ummata isaaf Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu lallabuu eegale. Haa ta’u malee, qeensonni amantaa Ortodooksii naannawaa san turan afaanicha wanta hin dhageenyeef, jibbiinsa cimaa irratti horatan.Jaalalaafi kabajni ol’aanaan inni Ummata Oromoo biratti
horate, wanta isaan rifachiiseef, sababa “Maaramii kabaja dhoorke” jedhuun isa yakkanii,
Paatiriyaarkii Orotodooksii kan ture, Abuna Maatiwoos biratti akka dhiyaatu ta’e. Abunichis
himannaa qeesonni dhiheessanirratti hundaa’uun akka biyyaa bahu itti murteesse.
Haa ta’u male, Minilik, murtii Abunichaa haquun, Onesmoos gara Naqamteetti akka deebi’u, garuu sanaan booda gonkuma akka wangeela hinlallabne itti murteesse.
Sanaan booda sochiin inni uummata bal’aa keessatti taasisu waan daanga’eef, mana barnootaa Naqamteetti bane keessatti barsiisaa ture.
Yeroo sanas balaan biyyaa ari’amuu isaa marsa ture. Seenaa Abbaa Gammachiisu B.1856
Lij Iyyaasuun bara 1916 aangoo fudhannaan amantaa isaa akka barsiisu heeyyameef.
LijIyyaasuun, waggaa tokkoon booda aangoorraa fonqolchamus, murtiin isaa akkuma jirutti wanta itti fufeef,
Onesmoos hanga gaafa du’uutti, barreeffamoota adda addaa gara Afaan Oromootti hiikee raabsuufi
Kitaaba Qulqulluu barsiisuu kan itti fufe yoo ta’u, barreeffamoota inni Afaan Oromootiin
qopheesse keessaa kan armaan gadii eeruun ni danda’ama:-
Seenaa Oromoo keessatti ,keessumaa karaa afaaniitii fi karaa barnootaa irratti gumaacha kana godhan dubartii baayyee guddoodha.Dubartoota baay’eef fakkeenya,Asteer Gannoon.
Hiikaa Awaajiin Kitaabi maqaa Asteer Gannoo Salbaanaatiin barreeffamee hin maxxanfamin hedduu akka jecha Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa
gara Afaan Oromootti hiikaniiru.
Aster Gannoo nama bara jabaa keessatti Afaan Oromoo barreessuu fi barsiisuu jalqabdeedha.
Bara 1885’tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo- Siwiidiin, kan
jechoota 6000 qabu qopheesse.
Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.
Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiike.
Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.
Waxabajjii 21, bara 1931 dhibee Onneetiin addunyaa kanarraa darbe Onesmoos Nasiib.
meeting Liink Asiin Seena.https://meet.google.com/wsf-cjzz-pei
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Seenaa nama jabaa kana nuuf gabasu ketiif galatomii jala kiyya