MILKAA’INA(SUCCESS) MILKAA’INNI DHIMMA CARRAA MITI.

MILKAA'INNI DHIMMA CARRAA MITI.

1.MILKAA’INNI DHIMMA CARRAA MITI.

๛ “Milkaa’inni sirriin maallaqa hedduu horachuu,badhaadhummaa,fi meeshalee gati qabeeyyii hedduu qabaachuun madaalama osoo hin taane, baay’ina namoota jireenya gaarii akka jiraataniif haala mijeessee fi jireenya isaanii fooyyeesseen madaalama.”

❏ Milkaa’ina jechuun hiika ati kennituuf irratti hundaa’a.Garuu,milkaa’inni galma ofii gahuus akka ta’e hubadhu!

๛ Galma ofii gahuu jechuun immoo waan yaadan tokkotti milkaa’uudha.Kanaafuu,milkaa’inni hiikaan isaas galma gahuuf yaadde sana bu’uura godhachuun si biratti hiika dhugaa argachuu kan danda’u malee namoonni waa’ee ofii isaanii bu’uura godhachuun hiikaa milkaa’inaa waan sitti himaaniif yaada deeggarsaa siif ta’uu danda’a malee hiikaa kallattii milkaa’ina kee ibsu siif hin ta’u.Namoonni milkaa’an carraa qofaan miti;tarkaanfii fudhachuu fi duubatti deebi’iinsa keessa darbee cichuudhaan carraa ofii isaanii tolfatu.

2. MILKAA’INNI IMALA MALEE GALMEE MITI.

Milkaa’inaaf foormulaan nama hundaaf ta’u hin jiru. Wanti nama tokkoof hojjetu nama biraatiif hojjechuu dhiisuu danda’a.Wanti guddaan daandii milkaa’ina mataa keetii barbaaduu fi karaa irratti aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaachuudha.

3. MILKAA’INNI QARSHII MITI.

Maallaqni barbaachisaa ta’us,milkaa’inaaf kan madaalamu isa qofa miti.Namoonni milkaa’oo ta’anis hojii isaanii keessatti gammachuu argachuun addunyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisu.

4. MILKAA’INNI AMALA.

Namoonni milkaa’an amala kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf isaan gargaaru horataniiru.Amalli kun wantoota akka galma kaa’uu fi gonkumaa abdii kutachuu dhiisuu dabalata.

5. MILKAA’INNI YAADA.

Namoonni milkaa’an yaada gaarii gufuu osoo hin taane waan ta’uu danda’u akka argan isaan dandeessisu qabu.

MILKAA’INAAN WAA’EE GUDDINA DHUUNFAATI. MILKAA’INNI DHIMMA CARRAA MITI.

Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru.Naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuun waan haaraa yaaluun hin sodaatan.

✓Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira.

1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.

2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kenniin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!

3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutiin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.

4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin booniin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.

5ffaa: Kufaatiin isa ta’uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta’iin (bira hin gahiin) hafuudha. Isa ta’uuf dhalatte ta’uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatiin!

Mee namoottan addunyaa beekamoo ta’an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul’ata argatan.

Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha!

● Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabaalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta’uu danda’u akka hin jirre sitti hima.

● Namoonni baay’een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se’uudhaan milkaa’ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee.

● Namni mul’ata qabu, fuuldura isaatti milkaa’ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

LEENCA_IRRAA_MAAL_BARANNA

LEENCA_IRRAA_MAAL_BARANNA?

❏ Cimina amala Leencaa keessaa waan tokko tokko:

» Leenci kuruphee qabachuudhaaf lafa 100km yoo ari’e, kurupheen inni lafa dheeraa fiigsise sun lafa dheeraa jalaa baqattee, kan biraan haaraan turuf jettee yoo miilluma isaa jalaa itti baate, ishee lafa dheeraa ari’aa ture sana dhiisee, ishee haaraa faana hin fiigu! Sababni ishee lafa dheeraa ari’ee fide sana, adeemsa wal fakkaataa, dadhabbii wal fakkaataa keessummeessaniiru waan ta’eef, ishee fiigicha wajjin jalqabe sanatti xumura godhe malee kan biraa wajjin dorgee hin jalqabu. Milkaa’umsi leencaa dhoksaan isaa inni guddaan kanadha. Yoo harkaa baatellee, ciisee tasgabbaa’ee, qaama isaa haareffatee akkaataa itti kan biraa adamsee nyaatu irratti xiyyeeffata. Akkaataa itti harka keessa galfatu hunda dursee qophii xumura!

༄ Amala namaa keessaa dadhabaan immoo: Namoonni baay’een waan tokkicha irratti xiyyeeffatanii, sana galmaan ga’achuu irratti hin xiyyeeffatan. Mana shiroo tokko yoo banate, tokko immoo ollaatti dhufee yoo mana kompiyuuteraa banate, kana wayya fakkaata jedhee sana itti dhiisee, bifuma wal fakkaatuun innis mana kompiyuuteraa banata. Sana qabee kana qaba. Miilla lamaan bakka lama altokkotti fiiguu barbaada. Mul’ata dhuunfaa cichee hin qabu, yaada namaa jiraata! Yoo akka yaade ta’uufii didellee taa’ee fala irratti hin xiyyeeffatu. Taa’ee of hooqa. “Ani fala hin qabu!” jedhee lallaba bututaa ofitti lallaba.

Ergaa:
༄ Ati leenca caalaa cimaadha! Ogummaadhaan jiraachuu baradhu! Namni dandeettii mataa ofiitti ogummaan fayyadamee milkaa’ina barbaadu bira gahuuf murannon Tataaffii godha;

➊. Milkaa’inaaf hawwii cimaa qabaachuu qaba!
➋. Mul’ata isaa fageessee irratti yaaduu qaba!
➌. Fedhii olaanaa qabaachuu qaba!
➍. Kaayyoo isaatiif cimee/cichee hojjechuu qaba!
➎. Waan hojjetu jaalachuu qaba!
➏. Waan hojjechuu qabu beekuu qaba!
➐. Gargaarsa namoota ciccimoo irraa argatetti fayyadamuu danda’uun irra jiraata!
✓ waan dubbistaniifi Beektan Hiriyootan keessaniif Sharee Godha


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top