Jaak Maa (Jack Ma) jedhama. Namni kun Chaayinaatti dhalate. Maatiin isaa hiyyeessa turan.
Yeroo baratu Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa osoo baratuu yeroo lama kufe.
Mana Barumsa Sadarkaa G/galeessaa osoo baratuu yeroo sadii kufe. Qormaata seensa Yuunivarsiitiis yeroo sadii kufe.
Kun hundi yeroo baratuu dha. Kufaatii kana hunda booda BA dhaan eebbifame.
BA dhaan erga eebbifamee, Hojii argachuuf si’a soddoma iyyatee yaalus hin milkoofne.
Dhaabbanni KFC jedhamu Chaayinaatti hojii eegalee namoota 24 barbaadee dorgomsiisuun dorgommii booda, Jaak Maa gatanii namoota 23 qofa fudhatan. Humna Waraanaa nama 5 ta’anii galmaa’anii, Nama 4 fudhachuun Jaak Maa kuffisan. Yoggus “ati hin taatu” jedhaniin galchan. Turtii booda guyyaa tokko doolara $12’n nyaataa Barsiisaa Afaan Ingilizii tokkoof qopheessuuf ramadamee hojii eegalus Barsiisichi ati hin taatu jedhe ari’e. Daldala eegalee si’a lama kufe.
Kufaatii fi qormaataawwan kana booda, Bara 1995 A.L.A tti USA do’ate. Achitti Kompiyuutaraa fi Interneetii arge. Yeroo sana Chaayinaa keessa Kompiyuutarri akka garaatti hin jiru. Internet’n immoo gonkumaa hin jiru. Erga kana argeen booda JackMan waa yaade, Waan yaades Hiriyootasaa 17 amansiisee dhaabbata daldalaa kan Interneetaan hojjetu maqaan isaa ALIIBAABBAA jedhamu hundeessuuf sochii eegale. Hojii kanas manaa isaa keessatti eegale. Bu’aa ba’ii fi Kufaatiiwwan kana booda har’a Addunyaa irratti baay’ina guurgurtaa isaan dhaabbata Wolmaartitti aanee sadarkaa 2ffaa irratti argama.
🤔 JACK MA’n, Har’a qabeenyi isaa Doolaaraa Ameerikaa Biiliyoona 150 ol ta’a jedhama. Hojjettoota 66,421 akka qabu ibsa gabaasni isaa bara 2018 ba’e. Dhuunfaadhaan Jaak Maan Doolaara Ameerikaa Biliiyoona 39.9 qabaachuun dureessa adda duree Chaayinaati.

Jechoota Jack Maa keessa muraasa.
1: “Raawwattee abdii hin kutin. Har’i Ulfaataa dha. Bor immoo daraan hammaata. Iftaan garuu ifa aduutu siif ba’a.
2: Wanti ati qabaachuu qabdu inni guddaan OBSA.
3: Nuti gonkumaa maallaqa hin dhabne. Kan dhabne namoota abjuu qabanii fi abjuu isaaniif du’anii dha malee..
Jireenya Kee keessattii Jaak Maa (Jack Ma) jedhama.
1. Wanti tolaan dhufu gonkumaa hin jiru….
Jannata galuudhafiyyuu…. du’a booda Akka ta’e beeki!
2. Jijjiramuun keetis nama bira caalte osoon hin taane… kalleessa Kee irraa foyyoofte yoo argamteedha.
3. Diinni Kee inni jabaan nama biraa osoo hin taane …sodaa SI keessaa jiruudha.
4. Rakkoon kee Furmaata rakkoo keeti Akka ta’e beeki
5. fedhii Kee dabalaa yoo dhufe …ati dabali hojjadhu
6. Namoota yeroo SI barbaadan qofa SI argatanii… yeroo ati barbaadde dhabdu irraa fagaadhu
7.Guddinni Kee kan jalqabu waan xiqqoo irraa eegalu gonkumaa hin shakkin …tokko jedhi eegali
8. Rakkoo yoo SI muudate rakkoo irraatti osoo hin taane…. Furmaata irraatti xiyyeefadhu.
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Baay’ee kaka’uumsa addaa namatti Uuma dhugaa dubbachuuf. Haa ta’u malee, nuti asirraa (Seenaa Jaak Maa) irraa maal baranna kan jedhu irratti xiyyeeffachuudhaan jijjiirama keenya saganta-sagantaan qoodne hordofuun abjuu keenya kan nu keessatti akkaa fi gara wallaalee akka meeshaa garaa keessaatti ulfaa qofa nutti ta’e baasne dhugoomsuun nurra jiraata.
Dubbisa kana hedduun jaalladhe!
Guddaa galatoomi!
Hayyee galatoomii Atiis Jaala kiyya Akkanatii wal jajjabeysun hamiile waaljabeeysudha jabadhuu.