II. Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa Mootummoonni Habashaa Oromoo Iirraan Gahaanii Fi Gahaa Jiran

Seenaa saba oromoo

Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa Mootummoonni Habashaa Oromoo Iirraan Gahaanii Fi Gahaa Jiran

Seensa:.

Ummatni Oromoo Saba ballaa ummatoota impaayera Itophiyaa keessa jiran keessaa lafa bal’aa fi tarsiimoo irra qubatee jira. Oromiyaan handhuura impaayera Itophiyaa keessa jira. Habashoota gara Kaabaa jiranii fi saboota cunqurfamoo Kibba impaayera Itophiyaa keessa jiran gidduu lixee addaan kute. Impaayera Itophiyaa bahaa – dhihatti adda mure. Baayyina ummataatiin kan hamma isaa gahu hin jiru. Oromoon bara dheeraatii qabee darbaa dabarsaan kutaalee Oromiyaa har’aa kana irra jiraataa fi irratti wal horee dagaagee sadarkaa sabaa irra gahee jira.

Biyya dhawataan Akaakilee fi Abaabayyuun irra jiraatan.

hawaasni Oromoo biyya abbaa keenyaa jedhanii waamu. . Seenaa barreessitotni Awurooppaa maqaa lafa Oromoo Biyya Oromoo (Oromo country or Oromo land) jedhan. Jarmantichi J.Luwis Kraaf jedhamu maqaa biyya Oromoo “Ormania” haa jennu jedhe. Har’a qabsoo diddaa kolonii fi Bilisummaa wal duraa duubaan hawaasni Oromoo geggeessaa turee fi jirun, maqaan biyya Oromoo Oromiyaa tahee beekamee jira. Oromiyaan maqaa ABOn moggaasamee fi qabsoodhaan argamee dha. Bal’inni lafa Oromiyaa Kiiloo meetirii kaaree 600,000 (kuma dhibba jaha) ni caala. Biyyoota 54 Afriikaa keessaa biyyoota 17 qofatu bal’inaan Oromiyaa caalu. Biyyoota Awurooppaa keessaa bal’aa dha kan jedhamu Faransaayiin illee Oromiyaatu caala..

Oromiyaa Koloneeffachuuf Carraa Warri Habashaa Argatani:

Habashoonni jaarraa 14ffaa irraa kaasanii warra Awuroppaa wajjin hariiroo uummachuuf carraaquu jalqaban. Haata’u malee yeroo duraa hedduu hin milkoofne. Hariiroo akkasiin, yeroo Imaam Ahmad isaan Lole
2 | Page

shopping street, pedestrian zone, downtown, people, town, urban, tourism, travel, people, people, people, people, people

waraanni poortugaal gargaarsifachuu danda’an. Hariiroo akasiin, Jaarraa 17ffaa jalqbaa irraa kaasee Misiyoonoti warra poortugaalii fi Ispeen biyyaa Habashaa seenuu jalqaban. Mootummootni Habashaa walii isaanii gidduuttis aangoo qabachuu irratti wal haa lolan malee, irra guddaa kana isaan sodaachise garuu dhiibbaa Oromoo ti. Kanaaf sodaa Oromoo irraa kan ka’e gargaarsa meeshaa wal duraa duubaan warra Awurooppaa irraa hidhatanii Oromootti duulaa yoona gahan. Mootuma bakka bakkatti dhaabbatan keessa Oromoo deebisanii hedduu kan dhiiban warra Manz turan. Amaaroti Manzii biyya Oromoo gidduu kan qubachuu jalqaban bara Amda-tsiyoon (1314 – 44tti) ture. Duula lafa Oromoo qabachuuf godhaniif akka salphifatuufitti qubasuma waraanaan isaa tolfatan ture. Achi irraa ka’anii Oromootti duulaa turan.

KOLONIIN QABAMUU OROMIYAA Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa

Habashootni [Amaaraa fi Tigireen] Gondorii fi Tigiraay daangaa lafa Oromoo jiraataa turan, qubsuma isaanii kana irraa kaa’aniit kan Oromootti duulaa turan. Walii isaanii gidduutti wal dhabbii haa qabaatan malee, Oromootti duulanii cabsuun biyya isaa Oromiyaa qabachuuf hawwii wal fakkaataa qabaataa turan. Oromootti duuluun jaarraa 9ffaa irraa kaasee kan ture tahus, erga Oromoon Gadaan of ijaaree booda, hanga jaarraa 19ffaatti hawwii irra dabruu hin dandeenye. Hawwii isaanii dhuma jaarraa 19ffaa fi koloniin qabamuu Oromiyaa hanga tokko duraa fi duubaan akka asii gadiitti ilaalla.

Carraaqqaii Baraa Teewoodiroos:. Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa

Jaarraa 15ffaa irraa hamma walakkeessa 19ffaatti hawwiin babal’ifannoo Habashootni qabaataa turan yeroo itti doomee dha. Haalli Habashoota keessa jiru walakkeessa jaarraa 19ffaa irra kaasee jijjiiramuu jalqbe. Kunis erga Tewodros aangoo qabatee ture. Tewodros (1855-68) akka aangoo qabateen sagantaa mootummaa isaa yeroo lafa kaa’u waan sadii ibse. Isaanis: 1) Habashaa tokko taasisuu, 2) Oromoo cabsuu fi 3) Islaamummaa balleessuu ture, Tewodros mootota naannoo Tigiray, Gondorii fi Goojjam rukutee mo’uun aangoo Habashaa kana waggaa 100f faffaca’ee ture mootii tokko jalatti walitti qabe. Humna Habashaa bakka tokkotti walteesuun hawwi isaan dur irraa kaasanii Oromiyaa qabachuuf qaban bakkaan ga’uuf karaa saaqeef. Tewodros Guraandhala

Itti fufa yero gababa keysatii saganta itti Anun walitti dachana galatoma

Seenaa Saba Oromoo1.https://abdisabaf.c Seenaa Saba Oromoo1.https://abdisabaf.com/wp-admin/post.php?post=754&actionom/wp-admin/post.php?post=754&action

2.II. Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa Mootummoonni Habashaa Oromoo Iirraan Gahaanii Fi Gahaa Jiran

3.https://www.scribd.com/


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top