Oromoon kan Xabbooti
Xabbo kan Waagooti
Waago kan Daadhiiti
Daadhiin kan Utteeti
Utteen kan Biteeti
Biteen kan Walaabuuti
Walaabu kan Jiilchaati
Jiilchaan kan Dawwarooti
Dawwaroon kan Hoofaani
Hoofaan kan Shaaraati
Shaaraan kan Hadiyyaati
Hadiyyaan kan Raabaati
Raabaan kan Dooriiti
Dooriin kan Mormoori
Mormoor kan Maammaati
Maammaan kan Waarari
Waarar kan waayyuuti
Waayu kan Goodeeti
Goodeen kan Mariiti
Mariin kan Galaani
Galaan kan Waadiiti
Waadiin kan shunkuuri
Shunkuur kan Imaari (rami)
Imaar kan Battaayi
Battaayi kan Lubaayi
Lubaayi kan Maliki(Nowbani)
Maliki(Nowban) kan Kuushi
Kuush kan Haami
Haam kan Nuuhi
Nuuh kan Maliki
Malik kan Mattooshaatti
Mattooshaan kan yahiiti
Yahiit kan Muhallali
Muhallal kan Akkuni
Akkun kan Anuushi
Anuush kan Shiishiiti
Shiishiin kan Aadami
Aadam kan Biyyeeti
Biyyeen tan Bishaaniiti
Bishaan Kan Qilleensaati
Qilleensi kan Quduraati
Quduraan kan Rabbiiti hundinuu deemee rabbumatti gala.
Maddi kanaa Afoola manguddoo hayyuu Warra Muchaa Noolee kan
Damiin
Turee Yuuyyaa irraa kan argameedha
2. Hidda Horte limaan Oromtichi Dhale
Oromoon akkuma olitti ibsine kanatti dhaloota walhoraa dhufe keessa dabree kan dhufe
yammuu ta’u, horteen ilmaan Oromtichaa akka armaan gadii kanatti ibsama.
limaan shanan Oromtichaa keessaa sadii dubartii yoo taan, dhiiraimmoo lama qaba. Isaanis:-
- Doobiroo Oromoo
- Roobo Oromoo
- Hariiroo Oromoo
- Booranaa Oromoo
- Bareentoo Oromoo
Dubartiin sadeen Oromtichi qabu kan magazn isaanii olitti ibsaman kana yoo tahan akka heera Oromtichaatti dubartiin hanga hin heerumin qofa magaa Abbaa isiitiin yaamamti malee eega heerumtee bultii jaarratte booda maqaa jaarsa/dhiirsa isiitin waan yaamamtuuf gaccee

Abbummaa isiitiin yaamamuun hafee warra dhaloota isaanii itti fufsiiftuun kan yaamamtuudha
Fakkeenyaaf, seenaa Oromtichaa keessatti of duuba deebinee yoo ilaallee akka armaan gadii kana ta’a.
Magaan jaartii Xabboo
Tarii Xabbooti
Magaan jaartii Bareentoo
Bariitee Bareentooti
Akkasuma jaartiin shanan ilmaan Bareentootis
Shiina Xummuggaa
Saaqarree Karrayyuu
Tiiroo Murawwaa
Afur Caaltuu Humbannaa
Huuloo Qalloo
Akkasuma jaartiin llmaan Afran Qallootis
Doobiroo Baabbilee
Waacitee Oborraa
Hambalii Dagaa
Kuuloo Alaa
innaa Alaa
Akka manguddoonni odeeffannoo kennan jedhaniti Seenaa Oromoo keessatti dubartoota lama qofaatu abbaa isaaniltiin yaamama
Isaaniis abbaa manaa isaaniitiin mari atanii irratt waligalaniiti jedhama. Isaanis:-
Hayoomeetoo Haralloo jaartii Oromtichaatifi
Gileeyyee Galaw jaarti Dullachaati
Qoroomina addunyaan arra irra geeyse dubartiin abbaa mana isiitiin yaamamuun kun maddi isa Oromoo tae agarsiisa. Dubartin Oromoo biratti iddoo guddaa gabdi. Fakkeenyaaf, dubartiin haadha, iimoodha, obboleeytiidha, haadha manaati, akkoodha, adaadaa dha, haboo dha. Madaala ulfina isi kana yoo Rabbi tahe malee anti gadi buusu hin jiru. Dubartiin erga heerumtee booda heera saglanii sabbataa kan Afran Qalloo keessatti miidhaa isii mudatuuf
qaamaisii bakka saditti gogqooda.
- Mormaa olin warra sii dhaleetu gaba
- Mormaa gadiin hanga mudhiitti warra gurbaa sii fuudheetu aba
- Mudhii gadiin gurbaa isi fuudhe qofaatu qaba.
Hiikkaan sadeen kanaa: Mormaa oliin yoo miidhamte warra isii dhaleetu aba yeroo jenny, jj isii tugamnaan ijoon bareedina sii badee, kabajaan warra isi tugamee
ballittii abaluutiin yaamamtee manatti waan deebituufi.
Funyaan isi tugamnaan: funyoon warra lamaan walitti hiitu cittee jechuu dha.
Gurri isii tuqamnaan: qaamaan mana jiraattuus gurri ala jiraa kan jedhurraa faaruun warra isi kan isin ittin boontu hafee jechuufi llkeen isii tuqamnaan forroqee taatee jibbamtee, forroqqee intala abaluutin yaamamtee tanan…
Hunde Oromticha tartiibaan yoo kaayamu akkaataa armaan gadii kanaan taa’a.Oromticharra Hanga Adamiti
Hunde Oromticha tartiibaan yoo kaayamu akkaataa armaan gadii kanaan taa’a.Oromticharra Hanga Adamiti
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.


