Man-bultii heeraa (Odaa bultum)

heeraa (Odaa bultum)

Man-bultii heeraa (Odaa bultum) Odaa Bultum dura Oromoon seera malee heera qabaachaa hin turre. Heerri Odaa bultum itti dhalate. Tumaan Odaan bultum tumaalee odaalee biraa hunda booda. Tanumaa jecha odaan bultum dhalootaan quxisuu dhaa heeraan hangafa ja’ama.

Heerri odaa bultum itti tumame kun heera odaa darrabbaa ykn heera malkaa-Tarraammuu ja’ama.

Wixinee heeraa (Odaa bultum)

Wixinee heera Odaa bultum Oromoo Ituu tu qopheesse. Gaafa wixineen qophaawu warra wixinee heeraa qopheessu fii warra seerri duraan ture ol’aantummaa heeraa jalatti deebi’ee akka tajaajilu godhuuf bakka lamatti qoodamanii wixineessuu eegalan. Gaafa warri wixinee heeraa qopheessu Darrabbaa dhaqee warri seerrich duraan ture akkamitti heera jala oolee akka tajaajilu godhuuf Odaa dhaqan.

Gaafa wixineen kun qophaawu Ituun mana jaarratee.

hanga qophiin wixinee heeraa fii seeraa xumuramu achumitti galee qophii wixinee heeraa kana raawwate. Haala kanaan seera qortuu godhanii heera ammoo murtuu godhan. Seerri akka adeemsa dubbi (procedural code) hogga tumamu heerri ammoo akka murtii heeraa haadhoo kennu tayee wixineeffame. Fakkiin dhuma barreeffama kanarratti argitan kanuma sirritti akka namni hubatuuf kan qophaawe jechuu dha.

Gaafa wixiinen heeraa Darrabbaa/Garbii xumurame heeraa fii seerichi walsimatanii Tajaajila adeemsa dubbii qajeelchuu fii murtii haqaa kennuuf qophii moo qophii miti waan je’u laaluuf agamsatti maqoon taa’ame (to further scrutinise the draft). Agamsa hayyoota (eminent lawyers) malee akkanumatti gumiin dhaqee waan heeraa hin dubbatu. Kaayyoon teessoo agamsaa heeraa fii seerarratti wixineen dhihaate dhimbiibame (calalamee) akka lallabaaf qophii tawuu mirkaneessuu dha.

Seerri ala bulee heerri mana bule maalif ja’ama. heeraa (Odaa bultum)

Seeronni Odaa bultum dura turan hundi ala muka jalatti tumamanii achumatti lallaban. Heera odaa bultum ammoo gulantaa (galma) ijaaramee hayyuun gulantaa gubbatti olbahee galma keessa dhaabbateef heerri gulantaa qaba je’ama. Seerri ala bulee heerri mana bule kan je’amuufis kanuma.

Yoo odaa-darrabbaa paarlaama (Lower house) agamsi senate (Upper house) jechuu dandeenya. Maqoon agamsaa waan gumiin wixineesse garii keessaa dhiisuu dandaya waan wixinee keessa hin jirrellee itti dabaluu dandaya. Warri maqoo agamsaa dhufan beekkomsa heeraatiin hojjatan malee hedduu miti. Tumaa heeraa keessatti garuu waan karaa maqoo agamsaa hayyootaan dhimbiibamee hin dhufin lallabaaf odaa geessuun hin danda’amu jechuu dha.

Erga wixineen heeraa fii seeraa odaa-darrabbatti laalamaa ture agamsatti dhimbiibame booda odatti deebi’ee lallabama. Oromoon Ituu erga wixinee Odaa-darrabbaa xumure booda agamsatti maqeeffatee wixinee kanarratti Oromoon mari’atee kan itti dabalu itti dabalee kan ir’isu ir’isee akka wixinee tumaa kana raggaasisu yaamicha godhe.

Oromoon gaafa dhufu akkuma Ituun gaafa wixinee heeraa fii seeraa laaluf bakka 2tti wal qoodee Odaa darrabbaa taa’ee Oromoon gaaddisa lachuttuu qoodamee wixinee raggaasise jechuu dha. Akkuma wixinee duraa san agamsatti hayyoota filanii erga dhimbiiban booda Odatti lallabaan godhamee yeroo duraatif Odaa bultum itti dhaalooni heeraa tayee hujiin seeraa fii addaan baafamee kaayame jechuu dha.

heeraa (Odaa bultum)

Maalif heera odaa darrabbaa ja’ama ykn heera Malkaa-Tarraammuu ja’ama?

Heeraa kan wixineeffamee fii raggaasifame Odaa fii Darrabbatti waan tayeefi.

Heera malkaa-Tarraammuu wanni ja’amuuf malkaa Ituun loon obaafatuutu achi jira. Malkaa kana biyyoo soogiddoon/boojjiin biyyetti bulbulamee loon obaafamu wal bira waan jiranii fii biyyeen sun Tarraamuu waan ja’amtuuf heera Malkaa-Tarraammuu tarraammuu moggaafame.

Egaa heeraa akkanaa kana warri oduu odeessu loon rimaa fuudhuu didan, dubatiin daya dhiiftee, kormi sangoomuu didee fii aanan Itituu dide kanaaf namni odaa bule je’anii odeessan. Odu-dureen ani je’u kana malee afoolaa miti.
Dhimma kana yeroo miidiyaarratti bahee dubbataa fii barreessaa ture waan gabaabsuu barbaadee hanganuma guddifadhaa.

Akka ammaa amma nan gaafanne bakka wahitti stoorradhaa. Please hiriyoota keessaniif qoodaa


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top