GONKUMAA ABDII HIN KUTIN!!!

GONKUMAA ABDII HIN KUTIN

GONKUMAA ABDII HIN KUTIN!!! Rakkattee osoo hin milkaa’in haftee yoo ta’e, kan si booda milkaa’u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta’e garuu si dura nama rakkatetu ture.”

Dubbiin kun dhugaa dha.


  • Maalifan milkaa’u dhabee?
  • Maalif milkaa’inni ana irraa fagaatee?
  • Maalif kufaatiin natti baayatee?.

Jettee Komii ofii kee irratti nama irratti fi Waaqa irratti hin kaasin!
  • Yoo ofii kee rakkattee,  dadhabdee milkaa’uu baatte,  rakkina kee kanatti ilmi kee,  dhaloonni si boodaa milkaa’uu danda’a.

Fakkeenya tokkon siif fudhadha. GONKUMAA ABDII HIN KUTIN

■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay’ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta’u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa’ina rakkoo isaa osoo hin argin du’u iyyuu, har’a ilmaan isaa bu’aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.

■ Ilaali rakkina kee har’aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa’inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du’aatti yoo ta’e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa “rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har’a bu’aa isaa jiraanna” siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay’atu milkaa’ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa’ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

■ Imala gara milkaa’inaatti deemuu kee,  karaa milkaa’inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta’e,  jabaadhu ati karaa milkaa’naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta’e ati milkaa’ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

■ Namni osoo hin kufin milkaa’e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa’e dha.

■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa,  waan darbe irraa barachaa,  karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa,  karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa’inaa ti.

  • Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har’a jijjiirama eegali!.

GONKUMAA ABDII HIN KUTIN

#.ILAALCHA

Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha. Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajj_+esuu danda’a!
●️ Namootni hedduun haala keessa jiran dhiisanii haala dhufuuf jiru dubbisu. Haalli amma keessa jiru ni jijjiirama jedhanii amanu. Utuu miidhamanii guyyaa miidhama isaanii irraa bayyannatan lakkaa’atu.
●️ Du’aa fi jireenya gidduu utuu jiranii jireenya lakkaawwatu. Wanti naannoo isaanii marsee jiru abdii namaa hin kennu yoo ta’eyyuu kun hunduu yeroo booda hin argamu jedhanii amanu.
●️ Addunyaa irra ba’anii addunyaa gadi ilaalu malee addunyaa mataatti baatanii hin rakkatan. Addunyaa irra deemanii lafa kaayyoo isaanii gahu malee addunyaa baatanii hin tiratan.
●️ Warri kun warra ilaalcha isaaniitiin jiraatanidha. Isaan kuni addunyaa akka barbaadanitti bifa ishee hogganu malee addunyaan isaan hin hoggaanu! Warri kun du’anii illee seenaa qabu! Haftee isaaniitiin dhalootni bocama!

Faallaa kanaammoo warri utuu jiranii du’a abjootanis jiru.


➢ Utuu jiraachuun jiru du’a,
➢ Utuu darbuun jiru kufaatii,
➢ Utuu ce’uun jiru gamanatti hafuu,
➢ Utuu ciminni jiruu dadhabina,
➢ Utuu moo’uun jiruu moo’amuu,
➢ Utuu qabanii dhabiinsa,
➢ Utuu nyaatanii beela warri yaadanii yaadda’anis jiru.

  • Warri kun keessi isaanii yeroo hundumaa ati nama hin taatu isaaniin jedha. Isaanis “ani nama hin ta’u” jedhanii yeroo hundumaa of gadcabsu
  • Yeroo hundumaa “bor maalan ta’a laata?” Jedhanii of jeequ! Warri kun warra ilaalchaan du’anii dha.😁
  • Warri kun addunyaa baatanii ba’aa adunyaatiin rakkatu. Addunyaatu gara barbaadanitti isaan oofa. Maaliif akka jiraatan hin beekani!
  • Waan dhufe wajjin oofamaa oolu…. Kallattii deemsa isaanii hin beekan.
  • Osuma qalbiin ciinqamanii yeroo isaanii xumuru.
  • Seenaa isaanii wajjin deemu.
  • Haftee hin qaban! yoo qabaatanis hafteen isaanii madda badii ta’a!

Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top