Duula Koloneeffachuu Minilik
Duula Koloneeffachuu Minilik Oromoo irratti geggeessuuf gargaarsi alaa akka isa barbaachisu, kanaaf ammoo hariiroon warra alaa wajjinii bareedaa ta’uu akka qabuu gibbii Tewodros keessatti barnoota argate. Shawaatti erga deebi’ees barnoota kana hojii irra oollchuu jalqabe. Minilik 1865tti Maqadallaa keessa baafatee gargaarsa Oromoon Manzitti dabre. Manziti deebi’ee utuu hin Ingilizii fi Faraansaayi wajjin hariiroo tolfachuu jalqabe. Xalayaa warra Faransaayitti ergee meeshaa lolaa akka isa gargaran kadhate. Bara 1867tti xalayaa gara biraa warra Ingiliziitti ergee meeshaa lolaa kadhate.
Yeroo jalqabaa kana sababni Minilk jabeessee qawwee kadhataa tureef.
yoo Tewodros itti duule ittiin of irraa loluuf fi Oromoo ittiin cabsuuf ture. Yeroon Minilik Qawwee argachuuf hariiroo warra Awurooppaa wajjin uummachuuf bololuu jalqabe kun baay’ee mijataa ture. Saaqaa Suweez 1869tti waan banameef biyyootni Awurooppaa naannoo kana qabachuuf yeroo itti wal dorgomuu jalqaban ture. Minilik irra guddaa warra Misiiyoonotatti dhimma bahuun biyyoota Awurooppaa wajjiin wal baruuf tattaafate. Bara 1868tti misyoonticha Massaya jedhamu Shawaa seenetti Minilik hedduu dhimma itti bahe. Minilik namoota Awurooppaatti dhimma bahuu oggaa boojuu isaa ture, Tewodros irra barate. Gorsa Massaayaan, Minilikin bara 1872tti jila Abbaa Mikaa’eliin durfamu Awurooppaatti ergate.
Abbaan mikaa’eel biyya Ingilizii, Duula Koloneeffachuu Minilik
Faransaayii,Xaalyiaanii fi Vaatikaan quunname. 1876tti gartuu qormaata ji’oogiraafii godhu tokko Xaaliyaanii irraa Shawaa seenee ture. Gartuun Xaaliyaanii kun qormaata Joogirafii gochuuf Manzee keessa qubatee Minilikiif bu’aa guddaa buuse. Warri Awurooppaa gargaarsa meeshaa lolaa, gorsitootaa fi leenjistoota ogeeyyii fayyaa fi kaartaa qoruu danda’an keennuufiin akka inni Oromoo fi ummatoota kibba Impaayera Itophiyaa koloneeffachuu dandeessisan. Kana kitaabi “The stolen Desert” jedhu yeroo galmeessu “Minilik duula isaa teknishaanota, beektoa teessumaa lafa qoran (Map-makers) gorsitoota bulchiinsa loltuu dhaabbataa fi akkaataa biyya garboonfata keessatti kaampii ijaarratani turuu danda’anii fi akkaataa uummaata mo’ametti dhimma bahan gorsa irraa argate. Kana malees Faransaayonni qawwee hidhachiisuuf fi lola qindeessuuf kessaatti qooda guddaa qabaatan” jedhee jira. Minilik Oromootti duulee koloneeffachuu akka danda’uuf haala isa gargaaran keessaa inni tokko, biyyoota Awurooppaatti irkachuu isaa akka tahe ifaa dha.

Miidhaa Koloneffatamuu
Walabummaa biyya fi bilisummaa ofiif lolanii ijibbachuun ummata Oromootiin hin jalqabamne. Kan nama injifate namatti boonuun, namatti roorrisuun, tuffachuunii fi saamuun carraa uummataa Oromoo qofaa irra gahe miti. Oromoo cabsanii, Oromiyaa koloniin qabachuuf, koloneeffattoota Habashaan, hammeenyi dalagame garuu seenaa keessatti fakkataa danuu hin qabu. Erga booji’amee booda roorroo fi saaminsa ummata Oromoo irratti raawwatame hiriyaa baay’ee hin qabu. Koloneeffatamuun jireenya Oromoo yeroo irraa gara yerootti, karaa Siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee jijjirama akkami akka fide gabaabaatti illee ta’u, wal qabsiisuun hedduu barbaachisaa dha.
Moototni Itophiyaa aangoo walitti daddabarsuu fi maqaa sirna bittaa jijjirratan,
haallii fi carraan ummata Oromoo wayyoomina tokko illee hin agarsiisne. Ogga Minilik fi Abbootiin isa Oromoo naannoo isaa irratti duuluu jalqaban alaagaan argee barreesse danuu dha. Hedduun namoota akkasii jaalaala Ityoophiyaa fi mootota isheetiif qabachuun ifaa dha. Isaanuu hammeenyi ummata Oromoo irratti raawwatamaa ture kan hiriyyaa hin qabne ta’uu ibsuu irraa of qusachuu hin dandeenye . Maddi seenaa itti aansinee dhiheessinu tokkoffaan orma akkasii ta’a. Ragaa hunda
garuu ummata Oromoo ti. Hir’ina ogummaa barreessaa fi qubee dhabuu irraa, gadda isaatii fi gammchuu isaa barreeffamaan galmeessee dhaloota itti aanuuf hin dabarsine. Ta’u iyyuu seenaa isaa himamsa afaanitiin hin dabarsine jechuu miti. Bifa geerarsaa, walaloo fi dhaadannootiin waan hedduu dhaloota itti aanuuf dhaame. Roorroo koloneeffatamuun uummata Oromoo irraan gahe wal qabsiisuuf maddi odeeffannoo lammaffaan isa kana ta’e.
Galmeen moototaa fi mootummoota Itiyoophiyaa Duula Koloneeffachuu Minilik
mootummoota Itiyoophiyaa irra ammoo, yoo argame raga daran amansiisaa ta’a. Jechi qondaalota Itiyophiyaa fi geerarsi fi dadhannoon isaanii madda oddeeffannoo biraati. Koloneeffatamuu dura namootni biyyoota gara garaa irraa Oromiyaa seenanii Oromiyaa seenanii barreessan biyyi Oromoo badhadha, biyya aannanii dammaa, midhanii fi bunaa ta’u barreessan.
Ummati Oromoo hojjetaa, quufaa, boonaa fi bilisa akka ture babal’isanii galmeessan. Koloneeffatamuun booda Oromoo fi Oromiyaa adda ta’e arganii irraa barreessan keessaa Faransaayichi Martial de Salvac jedhamu nama duranuu biyya Oromoo keessa jiraatee ummatichaa fi afaan isaa baree ture. Innis, akkuma Plowdanfaa, dimokiraatummaa jireenya Oromoo fi ummata hojjetataa ta’uu isaa bal’inaan galmeesse. Hunda caalaa yaadatamaa kan isa taasisu wixiin duula koloneeffataa Oromoo hangam akka inni yeroo sana tilmaamuu danda’uu isaa ti. Nannoo bara 1870 heddumminni uummata Oromoo miliiyoona 10tti herreegama ture. Koloneeffatamuu booda, bara 1901 tti oggaa Saviac kitaaba isaa barreessetti Oromoon hafe miliyoona shan akka hin caalle ibse.
Lolli kamuu lubbuu namaa fi qabeenya akka gaaga’u ifaa dha.
Gaaga’amni akkasii qofti lubbuu namoota miliyoonaan lakkaawwamanii galaafachuu hin danda’u. Ummata Oromoo lafa irraa duguuggun sagantaa mootota Itiyoophyiaa ture. Keessattuu, Moototi Shawaa dhaloota danuudhaaf daba akkasii irratti bobba’aa turan. Duula akaakayyuu Minilik, Saahile Sillaasee, bara 1840tti Sulultaatti bobbaase kan ijaan arge Kraf akkas jedhee baresse. “Gaafa Des.25/1840tti Ganama keessaa sa’atii lamatti dirree Sulultaa jedhamu geenyee qubanne. Uummati tulluuwwan naannoo sanaa irra qubatan Gaallaa (Oromoo)Sulultaa jedhamu. Warri isaan irraa gara Kibbaa bahaa qubatan ammo Gaallaa Finfinnee jedhamanii maqaa gaara irra jiraataniin waamamu. Gaallaan (Oromoon) sulultaa saawwaa fi fardaan nugusicha gabbaruu waal didaniif mootichi gandi isaanii hundi abiddaan akka barbadaa’mu Ajaje
Boodaa hunda irratti gandeen waan barbadaawaniif maqaa isaanii galmeessuun barbaachisaa natti hin fakkaanne.
Waraanni ( kan Saahile Sillaasee) waan fedhan erga fudhatanii booda ni gubu turan. Midhaan hoomiishamee waan dhumeef, mootichi akka aadaa isaa oomisha gubuu hanqatu iyyuu qamadii hedduun manneen, wajjiin gubatan”(Mohaammad Hasanii fi Geen Field) bobbaa kana qofa irratti namoonnii 4,600 naannoo Sulultaa fi Finfinneetti qofa akka ajjeefaman barreessan Darkwah jedhamu galmeessee jira (Darkwah fu.195) Barreessaan Darkwah jedhamu kun nama Minilkiin jaallatu. Jagnummaa Minilikii fi hubataa, gamnaa fi tattaafataa ta’u isaa faarsee barreesse. Innuu sagantaa uummata Oromoo fixuu kana akka Minilik abbootii isaa irraa dhaalee tolche ibse. Lakkoofsa Oromootaa gabaabsuudhaaf saganta diriirffame keessaa ajjeesuun kan duraa ti. Duula Minilik kan gaafa

Sept.6/1886 irratti qofa Oromooti Arsii kumi Ja’a dhumuu
ragaan erga barreessee booda naannoo koloneeffataman hundatti nama afur keessa tokko ajjeefamuu galmeesse .(Darkwah f.195)
Kanaafuu ummata Oromoo fixuun sagantaa dhaalmayaan moototni Itiyoophiyaa wal dhaalchisan tahuun ifaa dha. Alagaan duula koloneeffachuu Minilik irratti barreessan, Oromoo afur keessaa tokko ajjeefamuu galmeessanii jiru. Isaan keessaa tokko namticha Salviac jedhamuu dha. Salviac duula irratti geggeeffameen, Oromoon walakkaa ol dhumuu ibsee jira. “Ummati Oromoo bakka bakkatti diina dura dhabbachaa waan tureef hanga naannoo isaa malee kan fagoo quba qabaachuu ta’e herreguuf carraa hin qabu ture. Kanuma naannoo isaattu galmeessuu dadhabee hangam waraabsi fi allaattiin akka sooratan qofa beekuuf dirqame. Fakkeenaaf,Walaloo Caboo kana haa ilaalu: “Soressi boonuma boonee Iyyeessi boo’uma boo’ee Gaabanaan farada qilleensaa qilleensee Dhufeti wal qixxeesse Warraanni Amaaraa dultee Allaattiin Caboos quuftee”(T.Bitimaa f 321).
Koloneeffatamuun dhumiinsa Oromoo hawaasa Oromoo maddisiise. Gootichi mana hidha Minilik keessatti du’e Ilaansoo Daawoo kan hubatee akkas jedhee dhaame. “Yaa Oroobaa baattee Yaa Oroobaa baattee Yaa Oromoo baddee Yaa Oromoo baddee Yaa Oromoo baddee “ Akka namtich Darkwah galmeessetti, Minilik yeroo sanatti yoo xiqqaate qawwee 60,000 rasaasa 1,000,000 fi baaruda baarmeela kuma baay’ee bitate ture. Lakkoofsi madaafa isaas kuma baay’eedhaan lakkaawama ture. Kun hundi ittiin Oromootti duuluuf ture.
Bakka waraanni isaanii seenuu dadhabetti ammoo balaa dhukkubaa seensisanii Oromoo fixan. Waraanni Tasammaa Naadoo Iluu Abbaa Boor kan Fatansaa Iluun hogganamutti, kallachaan lolee injifachuu yeroo ijibbaatetti tooftaa kanatti dhimma bahe. Kanneen dhukkuba irraa hafan ammoo rasaaasaa fi goraadeen obbaafachiise. Tooftaan akkasii naannoo Oromiyaa gara garaatti hojii irra oolee ture. Maddi tooftaa kanaa warra Awuroppaa irraa akka tahe hubachuun nama hin dhibu.
Lakkoofsa Oromoo yarsuudhaaf (xiqqeessuudhaaf) sagantaan diriirfama lammaaffaan nama jiraa gugurachuu ture. Mee kana irratti jaalallee Minilik Darkwah haa caqasnu.”dhumaati lammaaffa
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
