DHAAMSA

Practices for a Thriving Digital

Yeroo baay’ee dubbisuun gaariidha. Sababni isaa namni dubbisee waahii irra barata. Dubbisuun immoo gara waa barreessuuti nama geessa. Kan har’a waa barreessetu immoo dhaloota boriif gala kaa’a. Akkuma Oromoon, “Kan harkaa qabu yoo darbate doqna miti” jedhu waan beeknu uummata keenyaaf gumaachuun gaariidha.
Namni barruu kana dubbistee waa hubata, yoo hubatemmoo waanti kun akkami jedhee qorata, irra caalchiseesimmoo barreessa jedheen yaada. Atis waan beektuu fi dandeessuun dhaamsa, galaa fi seenaa bara darbee jiraatu Oromoof gumaachuun abdii dhaloota egereetii

Alagaan hariiroo Oromoo fi nafxanyaa gidduu hubatan

gochaan nafxanyaa kan shiftaa irraa adda akka hin taane ibsaa turan. Fakkeenyaaf: “ Qonsiilli Inglizii kan naannoo bara 1927tti Moyale ture Hadson , “loltuu mootummaa (nafxanyaa) fi shiftaa gidduu garaa garumaan hin jiru” jedhe gabaase. Erga waggaa 20 oliif bulchaa turaniiyyuu nafxanyooni “Arsiin ni fincile jedhanii itti duuluun loon 30,000 dachaafatan” jedhe. Sirni bittaa Itophiyaa sirna cunqursaa fi booddessaa ta’uu fi warri Itopiyaa qawwee qabaachuu malee ogummaa fi qarooma akka hinm qabne Ivalyn Waugh oggaa ibsu: “bulchitoonni Itophiyaa riqicha ijaaruttiin, dhibdee fayyaa furuutiin ummata cunqursan hin caalan, Koloneeffatoota keessaa garuu kan akka isaanii hammaatu adii Kibbaa Afrikaa yoo ta’e malee hin jiru” jedhe. Qinsiiltichi Ingilizii lola Xaaliyaanii dura Goree tures ilaalcha fakkaataa barreesse. Warri Itophiyaa ofiif waan uumuuf hawwii fi ogummaa akka hin qabne ibse. Dafqa uummatichaa fi qaraxa nagadaa duwwaa saamuudhaan jiraachuutti akka quufan hime.

Caasaa Sirna Kolonii fi Dingdee

Sirna kolonummaa, biyyaa fi ummata Oromoo irratti diriisuudhaaf uummatni Oromoo miliyoonaan lakkaawamu dhumu isaa ilaallee jirra. Amma Ammoo isa dhumiinsa irraa hafe irratti sirni bittaa kolonii Itiyoopiya maal akka irraan gahe gabaasine ilaalla. 1. Akeekni Habashoota sadarkaa duraatti qabeenya biyyaa fi ummata Oromoo saamuu ture. Biyyi Oromoo badhaadhaa, ummatni isaa hojjetaa fi qabeessa akka ture galmeen seenaa ni ibsa. Hawwii Habashootni yeroo dheeraadhaaf qabaachaa turanis qabeenya kana saamuu ture. Lola biyyaa Oromoo koloneeffachuuf waggooti soddomma ol deeme keessaatti qabeenyi Oromoo irraa saamame danuu dha. Kaanis ni barbadaawe. Kana irrais ummatni Oromoo gariin oggaa dhumuu inni hafe ni hiyyoome, hamileen ni cabe. 2. Ummata lola irraa hafe irratti tarkaanfiin fudhatame dhawaataa fi sagantaadhaan buqqisuu ture. Bakka ummati Oromoo irraa buqqisaniitti ammoo ofii qubatanii sirna roorroo, saaminsaa fi cunqursaa haaraa diriirsan. Fakkenyaaf: duraan Oromoo Abbichuu irraa arihanii Ankobar qubatanii duula isaanii qindeessaa turan. Dhuma 1880ta keessa ammo Oromoota sulultaa fi Gullallee buqqisanii jalqaba Inxooxxoo, achi irraahis darbanii Finffinne qubatan. Achi irraattis booda magalaa ijaarratan. Bakka katamaa jedhanii ijaarratan hundattu wanti ta’e kanuma. Handhuura biyyaa Oromoo keessa bakka adda addaatti katamaa ijaarrachuun sirna mootummaa isaanii diriisuu fi akka duraanii saamanii galuu utuu hin ta’in irra taa’anii nyaachuu fi ummata gabroomsaniis tohachuudhaf itti roorrisuu, hacuucanii bulchuudhaaf ta’uu isaa ifa dha. Biyyaa Oromoo fi kanneen koloneeffatan biraas keessatti katamaa 37 ijaaran. 3. Biyya Oromoo fi ummata kutaadhaan, Konyaadhaan, Onaan, gandaa, manaan walii qoodan. Oromoo akka looniitti lakkaawamee nafxanyootaaf hirame. Oromoo lafa isaa guutummaatti dhabee, mirga namummaas sarbamee garbaa fi gabbaarii ta’e. 4. Oromiyaa akka dhuunfataniin lafti guutummaatti qabeenya koloniaalistoota taate. Sanaan

1.1ppg

duratti biyya Oromoo keessatti lafti qabeenya eenyuuyyuu hin turre

biyyaa, kan ummataa ti. Qabeenya dhunfaa hin turre. sirna isaanii akka diriisaniin safara lafaa gaashaa (qalaadii) jedhamu fidan. Haga danda’an safara kanaan akkuma aangoo isanitti sadarkaa sadarkaadhaan waliif qooddan. Fakkeenaf, namtich Ras Birruu jedhamu Harargee qofa keessaa qalaadii kuma digdamii lama (22,000) oltu kennameef. 5. Ergaa lafti akkasitti safaramee nafxanyootaaf qoodamee, sirna gabbaarii irratti diriirfame. Sirni kun waan heduudhaan garbummaa irraa adda miti; gabbaarich mana ofitti gala fi malkanyich dirqama isa Nyaachisuu dhabuu qofa ture. Dhiirri, nafxanyichaaf lafa qotuu, aramuu, tiksuu, omishuu, midhaan calleessuu, galchuu, mana, dallaa, gombisaa ijaaruu, bakka nafxanyich dhaqe gaangoo isaa qabanii duukaa deemuu, hojii biraas hojjachuu ture. Dubartootni midhaan dakuu, tolchuu, haadha manaa fi ijoollee nafxanyichaa tajaajiluu bishaan fi qoraan guuruu, fi hojii mana keessa hunda hojjetu ture. Ijolleen loon fi horii biraa nafxanyichaaf (kan war isaanii fi Oromoo biraa irra saaman) tiksuu fi hokaa itti haamuu, fi ergaa ergamuu ture.

Itti fufa ….

Diligent young professional working in a plant-filled modern office lounge.

1.DHAAMSAhttps://abdisabaf.com/wp-admin/post.php?post=808&action=edit

2.DHAAMSA


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top