Baga gammaddan baga gammanne! Qaammeen 4 Guyyaa Olka’iinsaati.

Baga gammaddan baga gammanne!

Baga gammaddan baga gammanne! Qaammeen 4 Guyyaa Olka’iinsaati.

Baga gammaddan baga gammanne! Qaammeen 4 Guyyaa Olka’iinsaati. Guyyaan Hardhaa Ummata Itiyoophiyaatiif guyyaa Injifannooti. Hidha Lagaa Abbaay Guyyaa hardhaa Yoo eebbifnu Injifannoo fi Seenaa Guddaa dhaloonni boru dhaaluu danda’u Guyyaa hardhaa eebbifnee jirra. Injifannoowwan kan lammiilee Itiyoophiyaati.

Hidha Haara’oomsa laga Abbay Mallattoo tokkummaa fi wolabummaa biyya keenyaa.

Hidhaa Haara’oomsa Guddicha Laga Abbaay Mallattoo tokkummaa, Wolabummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaanotaati”

Qaammeen 4 Guyyaa Olka’iinsaa Itiyoophiyaa fi Lammiilee jedhamee Kan kabajameef Guyyaa Hardhaa Piroojektiin Hidhaa Haara’oomsa Guddichi laga Abbay kan Mallattoo tokkommaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa kan ta’e guyyaa hardhaa Eebbifame. Kanaafuu Guyyaan Hardhaa Biyyaa Itiyoophiyaa fi Lammiilee Itiyoophiyaatiif guyyaa Olka’iinsaati. Dabalatan guyyaan kun seenaa keessatti guyyaa addaa ta’u isa hubachuun murteessaadha.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Obboo Ahmaddiin Usmaa’el Jiruu kabaja ayyaana kana irratti argamuun Akki jedhan ” Piroojektiin Hidhaa Haara’oomsa Guddichi laga Abbaay Milkaa’uu keessatti Lammiileen Itiyoophiyaa Ashaaraa seena Qabeessaa keessaa Qabu jedhan.

Dabalataan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Baatuu akki jedhan.

“Piroojektiin Hidhaa Haara’oomsa Guddichi laga Abbay kana Gufachiisuuf Kaayyoo fi hawwii Itiyoophiyaanota Karatti Hambisuuf Diinni Ala fi keessa wal-gurmeessuun Dhagaan isaan hin gara hin galchin hin jiru. Dhiibbaan keessa fi Alaa osoo nu hin jilbiiffachiisin. Dhiibba san hunda dandamannee injifannoo hardha argannee kana bira akka geenyuu kan nu taasise Kutannoo Hoggansa Keenyaa MM Dr. Abiy Ahimad Aliiti jedhan.

I/G Waajjiraa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Obboo Badhaasaa Reebaa Sarbeessaa akki “Piroojektiin Hidhaa Haara’oomsa Guddichi laga Abbay kun Olka’iinsaa Itiyoophiyaanota Murteessuu keessatti gahe ol’aana qaba jedhan. Dabalatan Paartiin keenya Paartiin Badhaadhina Injifannoowwan Gama Diinagdee Damdaneessaan Galmeessinee injifa noo arganne irratti Bu’aa bahee fi Dadhabbii guddaa booda bara kana eebban geenyee eebbisuun keenyaa injifannoo guddadha.

Qaammeen 4 Guyyaa Olka’iinsaa Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti bifa ho’aa ta’een yoo kabajamu ummanni fi jiraattoonni magaalaichaa saganataa adda addaatiin sirnicha kabaja Gammachuu isaanii ibsaa turanii jiru.

“Itiyoophiyaan Qaammee 4 Guyyaa Olka’iinsaa ishee Sirnaan yoo akkanatti Kabajjattu seenaa keessatti yoomiyyuu hin dagatamu. Guyyaan Kun Guyyaa Seenaa Guddaa Dhaloota dhaalchisan hojjatanii goolabuun eebban gahaniidha.

Hidha Haara'oomsa Guddichi Itoophiyaa hariiroo obbolummaa tumsa fi Muldhata Woloo

“Hidha Haara’oomsa Guddichi Itoophiyaa hariiroo obbolummaa tumsa fi Muldhata Woloo

obbolummaa tumsa fi Muldhata Woloo biyyoota Yaa’aa laga Naayil(Mormor) ykn Laga Abbaay cimsuu keessatti qooda Guddaa qaba jedhame”

Seerri idil-Addunyaa Akki jedhutti Qabeenya Uumaama kamiyyuu misoomaaf oolfachuu biyyi kamuu akka dandeettu ni dubbata. Haa ta”u malee jaarraa hedduuf Dhiibbaa keessa fi Alaa karoorfamee nurratti hojjatamaa tureen Biyyi yeenna Itiyoophiyaa Laga Mormor irraa fayyadamuu mirga irratti murteessuu dhabuu isheetiin qabeenya Dilbii Bishaan laga Abbay(Mormor) osoo hin fayyadamne hafnee jirra.

Waggoottan 50’n duraa Emperor Haile sillaaseen Mirga laga abbayitti fayyadamuu akka qaban hubate Karoorsuun Dhaloota dhufuuf kallattii milkaa’inna argisiisanii jiru. Muummichi Ministera Obboo Mallas Zeenaawii Hidha Haara’oomsa Guddicha lagaa Abbaat(Mormor) ijaaruuf Dhagaa Bu’uura yeroo Kaa’an Dhaadannoo “Maddii Faayinaansii, Maandisni, Ogeessii fi Abbaanis Itiyoophiyaanota “jedhuun jalqabsiisee ture.

Yeroo kana irraa eegalee Biyyoonni Akka Gibxii fi Eritrea Itiyoophiyaan Mirga laga Mormor irraatti murteessuu hin qabdu jechuun Shira xaxaa akka turan. Waltajjii idil-addunyaa gubbatti laga Mormor ykn abbaay ykn Naayil irratti waa murteessuu mirga kan qabu Gibxi qofa akka taatetti ibsata, mormaataa, Dhiibbaa uumaa dhufuun ijaarsa Hidha Haara’oomsa jalqabamee Gufachiisuu keessatti shoora ol’aanaa taphattee jirti. Kana yoo Gootuu Diinoota keessa kan akka TPLF fi Diinaa Alaa immoo Eritrea qindeessuun Ogeessa hanga Maandisaa bituun Shira hojjata turte.

Haa ta’u malee Mootummaan jijjiramaa Waggoottan Torbaan darbe Keessatti hojii Dipiloomaasii guddaa hojjateen Itiyoophiyaan mirga guutuu Qabeenya Bishaanii Dilbii 80 % ol- Itiyoophiyaa keessa burquu kana irraa fayyadamuu akka dandeettu mariiwwaan idil-Addunyaa irratti ifatti ibsuun dhiibbaa guddaa uumuu danda’e jira.

Osoo Diinnii Alaa fi keessa iyyuu. Baga gammaddan baga gammanne!

Hirmaannaa ummataa fi Lammiilee itiyoophiyaatin deeggarsa biyya alaa fi dhaabbilee gurguddoo idil-Addunyaa tokko Deeggarsa Maallaqaa tokko osoo hin gaafatin Hidha Haara’oomsa laga Abbay kan Mallattoo tokkommaa, Birmadummaa fi bilisummaa Lammiilee Itiyoophiyaa ta’e Qaammee 4 eebbisuun danda’ame jira. Inni kun injifannoo guddaadha. Injifannoon kun kan dhufuu danda’e Kutannoo fi murannoo MM Dr.Abiy Ahmad Alii qabuuniidha.

Persidentiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo akki jedhan akki jedhan “ijaaramuu fi eebbifamuun hidha Haara’oomsa Guddichi laga Abbay kun Ammatti Qabeenya Guddaa ummata Gurraachaa Afrikaanootaa ta’uun cinatti Hariiroo Biyyoota Yaa’aa laga Abbaay keessa jiranii wal-Dhiibuu caalaa Hariiroo Obbolummaa, Tokkummaa fi ollummaa isaanii cimsuu keessatti gahee guddaa qaba” Jedhan

1.https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles


Discover more from Egere Market

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Scroll to Top