Addunyaa Knarratti Kana Beektaa Laata?
Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa’ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa’ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.
Wanti nama ajaa’ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay’ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?
Isheen oftuultuudha siin jedhanii. Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu’in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta’ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.
Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta.
Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.
⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal’ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda’anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!
⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul’ata sakaalanidha.
➾ Ati immoo abbaa kaayyooti,
➾ Ati immoo abbaa mul’ataati.
➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.
● Maalif isaan dhaggeeffattaree?
● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree?
● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree?
● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree?
● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree?
● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree?
Isaan hin dhaga’in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay’ina jibbitoota kee hin lakkaa’in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

HUBADHU! Addunyaa Knarratti Kana Beektaa
- Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!
- Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!
Amaloota sadi dhiisuu qabda:
➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.
Yeroo hedduu kan jireenya keenya jijjiiru humna alaa dhufu osoo hin taane humna sammuun keenya maddisiisudha; yaada namni biroo nuuf kennu irra yaada sammuun keenya burqisiisutu nu hooggana! kanaafuu waan gaarii gochuuf waan gaarii yaaduu qabna;
Akka saayinsiin jedhutti namni tokko jiraachuuf waantonni akka bu’uuraatti barbaachisan nyaata, uffataa fi mana jireenyaati jedhee lafa kaa’a; garuu jiraachuuf kun gahaa miti jiraachuuf Gammachuu qabaachuunis barbaachisaadha; namni gammachuu hin qabne, namni kolfi isaa harkaa bade jiraachuun hedduu itti ulfaata; du’uu filata (kana kan arge hubachuu danda’a).
JIREENYA GAMMACHUU QABU JIRAACHUUF:-
- Nama ta’uu kee yeroo hunda yaadadhu.
- Namoota Kamiinu qixa akka taate of amansiisi (namni eenyummaa isaan wal qixa; doktorii, pirofeserii, barsiisaa… waan fedhe haa ta’u kunneen eenyummaa isaa osoo hin taane maalummaa isaati. Namni kan madaalamu ammoo maalummaa isaan osoo hin taane eenyummaa isaani kanaafu ati Nama dha Amani).
- Akka duutus hin dagatiin.
- Namaaf ilaalcha gaarii qabaadhu.
- Nama gargaari (bay z way….gaafa nama tokko gargaarru isa gargaarame caalaa kan gammadu isa gargaaredha).
- Namoota si miidhaniif Dhiifama godhi (kun gammachuu dhokataa danuu qaba).
Na amani Warreeen armaan olii kana yoo raawwatte salphumatti nama gammachuu qabu taata
1.https://www.bbc.com/afaanoromoo
Discover more from Egere Market
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
